1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi:
" ‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata?
3 Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon
kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi bosonaaf gaaddisa taʼee
akka malee ol dheeraa fi
kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture.
4 Bishaan isa biqilche;
burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise;
lageen isaanii
hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii
bishaan isaanii
gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu.
5 Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti
akka malee ol dheerate;
lataan isaa ni baayʼate;
dameen isaas ni guddate;
inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii.
6 Simbirroonni shamaayʼun hundi
damee isaa irratti manʼee ijaarratan;
bineensonni dirree hundi
damee isaa jalatti dhalan;
saboonni gurguddaan hundinuus,
gaaddisa isaa jala jiraatan.
7 Inni sababii hidda isaa
gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef,
dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin
akka malee miidhagaa ture.
8 Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Allaaha keessa jiran
isa gituu hin dandeenye;
yookaan mukkeen birbirsaa
dameewwan isaatiin hin qixxaatan;
mukni waddeessaas
dameewwan isaatiin hin qixxaatu;
mukni iddoo biqiltuu Allaaha keessa jiru tokko iyyuu
miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu.
9 Ani dameewwan baayʼeedhaan
isa nan miidhagse;
mukkeen Eeden kanneen iddoo biqiltuu Allaaha keessa jiran hundi
isatti hinaafan.
10 " ‘Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef, 11 akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate; 12 alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman. 13 Simbirroonni shamaayʼun hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan. 14 Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.
15 " ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni qabbarametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan. 16 Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee qabrii keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman. 17 Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin qabrii keessa buʼan.
18 " ‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta.
" ‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.’ "