Publicidade

Ezequiel 35

Raajii Edoomiin Mormuudhaan Dubbatame

1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, fuula kee gara Tulluu Seeʼiiritti deebifadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhu; 3 akkanas jedhiin: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yaa Tulluu Seeʼiir ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti hiixadhee onaa fi gatamaa sin godha. 4 Ani magaalaawwan kee nan diiga; atis ni onta. Ergasii akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beekta.

5 " ‘Ati sababii haaloo diinummaa durii garaatti qabatteef bara rakkina isaanii keessa jechuunis yeroo adabbiin isaanii dhuma irra gaʼetti Israaʼeloota dabarsitee goraadeetti kennite; 6 kanaafuu ani jiraataadhaatii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan; ani dhiiga dhangalaasuutti dabarsee sin kenna; ati dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. Ati waan dhiiga dhangalaasuu hin jibbineef dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. 7 Ani Tulluu Seeʼiir onsee duwwaa nan hambisa; warra dhaquu fi deebiʼu achi irraa nan kuta. 8 Ani tulluuwwan kee reeffaan nan guuta; warri goraadeedhaan ajjeefamanis gaarran kee irra, sululawwan kee keessaa fi lageen kee hunda keessa ni ciciisu. 9 Ani bara baraan sin onsa; magaalaawwan kees lafa jireenyaa hin taʼan. Ergasii akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu.

10 " ‘Sababii ati, "Rabbii Allaahan achi jiraatu iyyuu, saboonni lamaan kunneenii fi biyyoonni lamaan kunneen kan koo ni taʼu; nus isaan dhuunfanna" jetteef, 11 ani jiraataadhaatii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan; kanaafuu ani akkuma ati aarii fi hinaaffaa jibba isaaniif qabduun argisiifte sanaatti gatii kee siif nan kenna; anis yeroon sitti murteessutti isaan gidduutti of nan beeksisa. 12 Ergasiis akka ani Rabbii Allaahan wantoota ati tulluuwwan Israaʼelitti, "Isaan onanii duwwaa hafaniiru; akka nu nyaannuufis nuu kennamaniiru" jettee tuffiin dubbatte hunda dhagaʼee jiru ni beekta. 13 Ati afaan keetiin natti of jajjee oduu natti baayʼifteerta; anis waan kana dhagaʼeera. 14 Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yommuu guutummaan lafaa gammadutti ani sin onsa. 15 Sababii ati yeroo dhaalli mana Israaʼel onetti gammaddeef ani akkana sin godha. Yaa Tulluu Seeʼiir ati ni onta; atii fi guutummaan Edoom ni ontu. Ergasii isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.’ "

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-