1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:
" ‘Wawwaadhuutii akkana jedhi;
"Guyyaa sanaaf wayyoo!"
3 Guyyaan sun dhiʼoo dha;
Guyyaan Rabbii Allaah dhiʼoo dha;
innis guyyaa duumessaa,
sabootaaf immoo yeroo badiisaa ni taʼa.
4 Gibxitti goraadeen ni dhufa;
Itoophiyaatti immoo dhiphinni ni dhufa.
Yommuu warri qalaman Gibxi keessatti kukkufanitti,
qabeenyi ishee saamamee fudhatama;
hundeewwan ishee immoo ni diigamu.
5 Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.
6 " ‘Rabbii Allaahan akkana jedha:
" ‘Tumsitoonni Gibxi ni kufu;
humni isheen ittiin boontu ni dadhaba.
Migdoolii hamma Aswaanitti,
isaan ishee keessatti goraadeedhaan ni dhumu,
jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.
7 Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu;
magaalaawwan isaaniis
magaalaawwan diigaman
gidduutti argamu.
8 Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee
warri ishee gargaaran hundi barbadaaʼanitti,
isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.
9 " ‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.
10 " ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:
" ‘Ani harka Nebukadnezar mooticha Baabiloniin
namoota Gibxi hedduu nan barbadeessa.
11 Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa akka malee hamoo taʼan,
akka biyyattii balleessaniif ni fidamu.
Isaanis goraadee isaanii Gibxitti luqqifatanii
reeffaan biyyattii guutu.
12 Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa;
biyyattiis namoota hamootti nan gurgura;
harka alagootaatiin biyyattii fi
waan ishee keessa jiru hunda nan onsa.
Ani Rabbii Allaahan dubbadheera.
13 " ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:
" ‘Ani waaqeffatamtoota tolfamoo nan balleessa;
fakkiiwwan Memfiis keessa jiranis nan facaasa.
Siʼachi Gibxi keessatti bulchaan hin argamu;
biyyattii guutuu keessas sodaa nan buusa.
14 Phaxroosin nan onsa;
Zooʼaanitti ibidda nan qabsiisa;
Tebesiin immoo nan adaba.
15 Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis
Siin irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa;
uummata Tebesi hedduu sana illee nan balleessa.
16 Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa;
Siin dhiphinaan raafamti.
Tebesi dambaliidhaan ni fudhatamti;
Memfiis dhiphina wal irraa hin cinneen ni dhiphatti.
17 Dargaggoonni Oonii fi
Phii-Beseti goraadeedhaan dhumu;
magaalaawwan mataan isaanii iyyuu ni boojiʼamu.
18 Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti,
Tahiphaanheesitti guyyaan ni dukkanaaʼa;
humni isheen ittiin boontus ni laafa.
Isheen hurriidhaan haguugamti;
gandoonni ishee immoo ni boojiʼamu.
19 Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba;
isaanis akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.’ "
20 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 21 "Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne. 22 Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha. 23 Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. 24 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada. 25 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku. 26 Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku."