Publicidade

Ezequiel 32

Faaruu Booʼichaa Faraʼooniif Faarsame

1 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi:

" ‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti;

galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti;

ati lageen borcita;

miilla keetiin bishaan ni booressita;

lageenis ni dhoqqeessita.

3 " ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

" ‘Gumii namoota baayʼee keessatti

ani kiyyoo koo sitti nan darbadha;

isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.

4 Ani lafatti sin gata;

bakkeettis sin darbadha.

Akka simbirroonni shamaayʼun hundi sirra qubatan,

akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.

5 Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa;

raqa keetiinis sululawwan nan guuta.

6 Hamma tulluuwwan bira gaʼutti

dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta;

sululawwanis foon keetiin ni guutamu.

7 Ani yommuun si balleessutti shamaayʼuniiwwan nan haguuga;

urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa;

aduu duumessaan nan haguuga;

jiʼis ifa isaa hin kennu.

8 Ifawwan calaqqisoo shamaayʼun irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa;

ani biyya kee irra dukkana nan buusa,

jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.

9 Ani yeroon boojuu godhee

saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti

garaa saboota hedduu nan dhiphisa.

10 Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti

akka namoonni hedduun si arganii naʼan,

akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha.

Guyyaa kufaatii keetii

tokkoon tokkoon isaanii

yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.

11 " ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhaatii:

" ‘Goraadeen mootii Baabilon

sitti dhufa.

12 Ani akka namoonni kee hedduun

goraadee namoota jajjabootiin jechuunis

kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin dhuman nan godha.

Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu;

waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.

13 Bishaanota baayʼee biraa

loon ishee hunda nan fixa;

siʼachi miilli namaa hin booressu

yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.

14 Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu,

lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha,

jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.

15 Gaafa ani biyya Gibxi onsee

biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti,

yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti

isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.’

16 "Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan."

17 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 18 "Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu. 19 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’ 20 Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu. 21 Hooggantoonni jajjaboon qabrii keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu.

22 "Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis qabrii namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti. 23 Qabbariiwwan isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo qabrii ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.

24 "Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo qabrii ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru. 25 Waldaa namoota ishee kanneen naannoo qabrii ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.

26 "Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo qabrii isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha. 27 Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin qabbaraman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe.

28 "Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.

29 "Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.

30 "Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.

31 "Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. 32 Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-