1 Hafuurri ol na fuudhee gara balbala mana Rabbii Allaah kan gara baʼaa ilaaluutti na fide. Achis karra balbala sanaa dura namoota digdamii shantu ture; anis isaan gidduutti hooggantoota sabaa Yaazaniyaa ilma Azurii fi Phelaatiyaa ilma Benaayaa nan arge. 2 Rabbii Allaahanis akkana naan jedhe; "Yaa ilma namaa, isaan kunneen namoota magaalaa kana keessatti hammina malanii fi gorsa hamaa gorsanii dha. 3 Isaanis, ‘Yeroon itti manneen ijaaraman gaʼeera mitii? Magaalattiin kun okkotee waa itti affeelanii dha; nu immoo ishee keessatti foon’ jedhan. 4 Kanaafuu isaanitti raajii dubbadhu; yaa ilma namaa raajii dubbadhu."
5 Ergasii Hafuurri Rabbii Allaah narra buʼee akkana naan jedhe; "Rabbii Allaahan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel isin akkas jettu; ani garuu waan isin qalbii keessanitti yaaddan nan beeka. 6 Isin magaalaa kana keessatti namoota hedduu ajjeeftanii daandii ishee reeffaan guuttaniirtu.
7 "Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Reeffi isin achitti gattan foon; magaalaan kun immoo okkotee dha; ani garuu magaalaa kana keessaa isinan baasa. 8 Isin goraadee sodaattu; wanni ani isinitti fidu immoo goraadeedha, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. 9 Ani magaalaa keessaa isin baasee alagaatti dabarsee isin kennee isinan adaba. 10 Isin goraadeedhaan dhumtu; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti mura. Kanaanis akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu. 11 Magaalaan kun okkotee isinii hin taatu yookaan isin achi keessatti foon hin taatan; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti nan mura. 12 Isin akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu; sirna saboota naannoo keessan jiraatanii duukaa buutan malee seera koo hin eegne yookaan naamusa koo hin eegneetii."
13 Utuma ani raajii dubbachaa jiruu Phelaatiyaan ilmi Benaayaa duʼe. Kana irratti ani addaan lafatti gombifamee, "Ani bade yaa Rabbii Allaah Gooftaa! Ati hambaa Israaʼel guutumaan guutuutti balleessitaa?" jedheen sagalee guddaadhaan iyye.
14 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe; 15 "Yaa ilma namaa, obboloota kee jechuunis obboloota kee kanneen firoota kee dhiigaatii fi manni Israaʼel guutuun kanneen namoonni Yerusaalem, ‘Isaan Rabbii Allaah irraa fagaataniiru; biyyi kunis akka handhuuraatti nuuf kennamteerti’ jedhaniinii dha.
16 "Kanaafuu akkana jedhi: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Ani saboota gidduutti fageessee isaan ergee biyyoota keessa isaan faffacaasu iyyuu, amma illee yeroo xinnoof biyyoota isaan dhaqan keessatti isaaniif iddoo qulqullummaa taʼeera.’
17 "Kanaafuu akkana jedhi: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Ani saboota keessaa walitti isin qabee biyyoota itti bittinnooftan keessaa deebisee isin nan fida; biyya Israaʼelis deebisee isiniif nan kenna.’
18 "Isaan biyyattiitti deebiʼanii wantoota ishee jibbisiisoo hundaa fi wantoota ishee balfamoo hunda ishee keessaa ni balleessu. 19 Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf. 20 Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Allaah isaanii nan taʼa. 21 Warra qalbiin isaanii fakkiiwwan isaanii kanneen faayidaa hin qabnee fi waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo jibbisiisoo sanaan fudhatame garuu ani waan isaan hojjetan matuma isaaniitti nan deebisa jedha Rabbii Allaahan Gooftaan."
22 Ergasiis kiirubeeliin qoochoowwan isaanii diriirfatan; geengoowwanis isaan cina turan; ulfinni Allaah Israaʼel immoo isaan gubbaadhaan ture. 23 Ulfinni Rabbii Allaahas magaalaa keessaa ol baʼee tulluu baʼa magaalattiitiin jiru gubbaadhaan dhaabate. 24 Hafuurri ol na fuudhee mulʼata Hafuura Allaahatiin gara boojiʼamtoota biyya Baabilon jiraniitti na fide.
Ergasiis mulʼanni ani argee ture sun na dhiisee ol baʼe; 25 anis waan Rabbii Allaahan na argisiise hunda boojiʼamtootatti nan hime.