Publicidade

Ezequiel 7

Dhumni Dhufeera

1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, Rabbii Allaahan Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha:

" ‘Dhuma! Golee biyyattii afranitti

dhumni dhufeera.

3 Ammas dhumni kee gaʼeera;

dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa;

ani akkuma amala keetiitti sitti nan mura;

gochawwan kee jibbisiisoo hundaafis ani sin adaba.

4 Ani gara laafinaan si hin ilaalu

yookaan si hin baasu;

ani hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti,

amala keetiif sin adaba.

" ‘Ergasiis isin akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu.’

5 "Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

" ‘Badii! Badiin takkaa hin dhagaʼamin

tokko dhufaa jira.

6 Dhumni dhufeera!

Dhumni dhufeera!

Inni mataan isaa isinitti kaʼeera.

Inni dhufeera!

7 Yaa warra biyyattii keessa jiraattan,

badiin isinitti dhufeera.

Yeroon gaʼeera; guyyaan dhiʼaateera;

tulluuwwan irratti gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu taʼa.

8 Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira;

aarii koo illee sitti nan baʼa;

akkuma amala keetiittis sitti nan mura;

gochaawwan kee jibbisiisoo sana hundaafis sin adaba.

9 Ani gara laafinaan si hin ilaalu

yookaan si hin baraaru.

Hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti

ani akkuma amala keetiitti sin adaba.

" ‘Ergasiis akka kan rukutu sun ana Rabbii Allaah taʼe isin ni beektu.

10 " ‘Guyyaan sun kunoo ti!

Inni dhufeera!

Badiin cabsee dhufeera;

uleen lateera;

of tuulummaan daraareera!

11 Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera;

isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafu;

waldaa isaanii keessaa,

qabeenya isaaniitii fi

waan faayidaa qabu keessaa

tokko iyyuu hin hafu.

12 Yeroon sun dhufeera;

guyyaan sun gaʼeera.

Inni bitu hin gammadin;

kan gurgurus hin gaddin;

dheekkamsi guutummaa isaaniitti dhufaatii.

13 Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranitti

inni lafa gurgure hin deebifatu;

mulʼanni waaʼee sabaatiif mulʼate

duubatti hin deebiʼuutii.

Sababii cubbuu isaaniitiif isaan keessaa namni tokko iyyuu

lubbuu ofii isaa hin oolfatu.

14 " ‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruuf

isaan malakata afuufanii

waan hunda qopheeffatan iyyuu,

namni tokko iyyuu gara adda waraanaa hin dhaqu.

15 Alaan goraadeetu jira;

keessaan immoo dhaʼichaa fi beelatu jira;

warri baadiyyaa goraadeedhaan duʼu;

warri magaalaa keessaa immoo beelaa fi dhaʼichaan dhumu.

16 Baqattoonni warri miliqan

tulluuwwanitti baqatu.

Tokkoon tokkoon isaanii

akkuma gugeewwan sululaa

sababii cubbuu isaaniitiif ni aadu.

17 Harki hundi ni naafata;

jilbi hundinuus bishaan taʼa.

18 Isaan wayyaa gaddaa uffatanii

sodaadhaan haguugamu.

Fuulli isaanii qaanii uffata;

mataan isaaniis ni haadama.

19 " ‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu;

warqeen isaanii akka waan xuraaʼaa taʼa.

Guyyaa dheekkamsa Rabbii Allaahatti meetii fi

warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.

Isaan nyaatanii beela hin baʼan

yookaan garaa isaanii hin guuttatan;

meetii fi warqeen isaanii isaan gufachiisee

cubbuutti isaan galcheeraatii.

20 Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulanii

waaqeffatamtoota isaanii jibbisiisoo fi fakkiiwwan faayidaa hin qabne sana

tolchuuf itti fayyadaman.

Kanaafuu ani wantoota kanneen

gara waan xuraaʼaatti isaan duraa nan geeddara.

21 Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf,

hamoota lafaattis saamichaaf dabarsee ishee nan kenna;

isaanis isa ni xureessu.

22 Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha;

isaanis iddoo koo jaallatamaa sana ni xureessu;

saamtonnis itti seenanii ni xureessu.

23 " ‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan,

magaalattiin immoo gooliidhaan guutamteef

foncaa qopheessi.

24 Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniif

warra saboota keessaa akka malee hamoo taʼan nan fida;

of tuulummaa namoota jajjaboo nan cabsa;

manneen qulqullummaa isaaniis nan xureessa.

25 Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu;

garuu tokko illee hin argatan.

26 Badiin badii irratti,

oduunis, oduu irratti ni dhufa.

Isaan nabiiʼiyyii irraa mulʼata argachuu ni yaalu;

seerri luboota biraa,

gorsi immoo maanguddoota biraa ni dhabama.

27 Mootiin ni booʼa;

ilmi mootii abdii kutata;

harki uummata biyyattii ni hollata.

Ani akkuma hojii isaaniitti gatii isaanii nan kennaaf;

akkuma seera ofii isaaniittis murtii nan kennaaf.

" ‘Ergasiis isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.’ "

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-