Publicidade

Ezequiel 19

Faaruu Booʼichaa

1 "Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi; 2 akkanas jedhi:

" ‘Haati kee leencota gidduutti,

leenca akkamii turte!

Isheen leencota gidduu ciiftee

ilmoolee ishee guddifatte.

3 Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte;

innis leenca jabaa taʼe.

Inni waa adamsee ciccirachuu barate;

namootas nyaate.

4 Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan;

inni boolla isaanii keessatti qabame.

Isaan hokkoodhaan harkisanii

gara biyya Gibxitti isa geessan.

5 " ‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin,

akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti,

ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhattee

leenca jabaa gootee guddifte.

6 Inni leencota gidduu biddiiqe;

leenca jabaa taʼeeraatii.

Inni waa adamsee ciccirachuu barate;

namootas nyaate.

7 Inni daʼannoo isaanii diige;

magaalaawwan isaaniis onse.

Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundi

aaduu isaatiin raafaman.

8 Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoo

sanaa jiran isatti kaʼan.

Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan;

innis boolla isaanii keessatti qabame.

9 Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan;

gara mootii Baabilonitti isa fidan.

Mana hidhaatti isa galchan;

kanaafuu aaduun isaa

tulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.

10 " ‘Haati kee akkuma wayinii

lafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti;

biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteef

mistee damee hedduu baaffatte.

11 Dameewwan isaas jajjaboo

bokkuu bulchaatiif taʼan turan.

Isheen baalawwan gobbatan gidduutti

ol dheerina isheetii fi

baayʼina dameewwan isheetiin

ol dheerattee mulʼatti turte.

12 Isheen garuu aariidhaan buqqifamtee

lafatti gatamte.

Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogsee

ija ishee irraa harcaase;

dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan;

ibiddis isaan fixe.

13 Amma isheen gammoojjii keessa,

lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.

14 Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼee

ija ishee fixe.

Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼu

tokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’

Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-