Publicidade

Ezequiel 27

Faaruu Booʼichaa Xiiroosiif Godhame

1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi. 3 Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

" ‘Yaa Xiiroos,

ati, "Ani bareedinaan hirʼina hin qabu" jetta.

4 Daangaan kee garaa galaanaa keessa;

warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru.

5 Isaan laaxaa doonii keetii

birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan;

utubaa doonii siif tolchuufis

Libaanoonii birbirsa fidan.

6 Qilxuu Baashaan dhufeen

batoo kee hojjetan;

muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen

lafa doonii keessaa ilka arbaatiin miidhagsanii siif hojjetan.

7 Sharaan doonii keetii quncee talbaa

kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture;

innis akka faajjiitti si fayyade;

haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee

kan qarqara Al-yaasaʼaatii dhufe ture.

8 Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan;

yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan.

9 Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban,

qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan.

Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi,

si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan.

10 " ‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii,

loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan.

Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi

gonfoo isaanii si keessatti fannisan.

11 Namoonni Arwaadii fi Heeleekii

dallaa kee qixa hundaan eegan;

namoonni Gamaadii

gamoowwan kee keessa turan.

Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan;

isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan.

12 " ‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan.

13 " ‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan.

14 " ‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture.

15 " ‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan.

16 " ‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan.

17 " ‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan.

18 " ‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti. 19 Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture.

20 " ‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte.

21 " ‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan.

22 " ‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru.

23 " ‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan. 24 Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan.

25 " ‘Dooniiwwan Tarshiish,

miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan.

Ati walakkaa galaanaatti

feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta.

26 Mooqxonni kee,

gara galaana guddaatti si geessan.

Bubbeen baʼa biiftuu garuu

galaana walakkaatti si caccabsa.

27 Gaafa dooniin kee caccabutti

qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee,

namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan,

ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan,

daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi

namni doonii irra jiru biraa hundi

garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu.

28 Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti

biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu.

29 Warri batoo qabatan hundi,

warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii,

doonii isaanii irraa buʼanii

qarqara galaanaa dhaabatu.

30 Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii

hiqqifatanii siif booʼu;

mataa isaaniittis awwaara firfirsanii

daaraa keessa gangalatu.

31 Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii

wayyaa gaddaa uffatu.

Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii

gadda guddaadhaan ni booʼu.

32 Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti,

"Kan akka Xiiroos

galaanaan liqimfamee bade eenyu?"

jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu.

33 Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti,

ati saboota hedduu quufsite;

qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin

mootota lafaa sooromsite.

34 Amma immoo ati galaana keessatti,

tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta;

miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi

suma wajjin liqimfamaniiru.

35 Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi

waaʼee keetiin rifataniiru;

mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii

fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera.

36 Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu;

dhumni kee suukaneessaa taʼeera;

ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ "

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-