1 Iisaan yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene. 2 Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. 3 Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Iisaa dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate. 4 Isaanis yommuu gara Iisaa dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; "Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala; 5 inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera." 6 Kanaafuu Iisaan jara wajjin deeme.
Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Iisaatti erge; "Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii. 7 Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. 8 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta."
9 Iisaan yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, "Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne" jedhe. 10 Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.
11 Iisaan ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan. 12 Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan. 13 Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, "Hin booʼin" jedheen.
14 Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, "Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!" jedheen. 15 Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Iisaanis deebisee haadha isaatti isa kenne.
16 Hundi isaanii ni sodaatan; "Nabiiʼiyyiin guddaan nu keessaa argameera. Allaahanis saba isaa gargaaruuf dhufeera" jedhanii Allaahaf ulfina kennan. 17 Oduun waaʼee Iisaa kunis Yihuudaa guutuu fi biyya naannoo sana jiru hundumaa keessa faffacaʼe.
18 Barattoonni Yahyaa waaʼee waan kana hundaa isatti himan. Yahyaanis isaan keessaa nama lama ofitti waamee, 19 "Inni dhufuuf jiru siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?" jedhee gaafachuudhaaf Gooftaatti isaan erge.
20 Namoonni sunis yommuu gara Iisaa dhufanitti, "Yahyaan, ‘Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?’ jedhee gaafachuudhaaf sitti nu ergeera" jedhaniin.
21 Iisaanis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise. 22 Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; "Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yahyaatti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis injiilli ni lallabama. 23 Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha."
24 Erga ergamoonni Yahyaa baʼanii qajeelanii booddee Iisaan akkana jedhee waaʼee Yahyaa namootatti himuu jalqabe; "Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo? 25 Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru. 26 Garuu isin maal arguu baatan? Nabiiʼiyyii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu. 27 Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha:
" ‘Kunoo, ani malaʼikkaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu,
fuula kee dura nan erga.’
28 Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yahyaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Allaaha keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala."
29 Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yahyaatti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Iisaa dhagaʼanitti, karaan Allaaha qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan.
30 Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yahyaatti hin cuuphaminiif kaayyoo Allaahan isaaniif qabu fudhachuu didan.
31 Iisaan itti fufee akkana jedhe; "Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu? 32 Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti:
" ‘Nu ulullee isinii afuufne;
isin garuu hin sirbine;
faaruu booʼichaas faarsine;
isin garuu hin boonye.’
33 Yahyaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu. 34 Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu. 35 Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti."
36 Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Iisaa affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate. 37 Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Iisaan mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte. 38 Isheenis booʼaa dugda isaa duubaan miilla isaa bira dhaabattee imimmaan isheetiin miilla isaa jiisuu jalqabde. Rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxee, dhungattees miilla isaa shittoo dibde.
39 Fariisichi isa affeere sunis waan kana argee, "Namichi kun utuu nabiiʼiyyii taʼee, dubartiin isa tuqxu kun eenyu akka taate, nama akkamiis akka taate ni beeka ture; isheen cubbamtuudhaatii" jedhee garaa isaa keessatti yaade.
40 Iisaan immoo, "Yaa Simoon, ani waanan sitti himu tokko qaba" jedheen.
Innis, "Yaa barsiisaa natti himi" jedhe.
41 Iisaanis akkana jedheen; "Namoonni lama nama maallaqa liqeessu tokko irraa maallaqa liqeeffatan. Inni tokko diinaarii dhibba shan liqeeffate; kaan immoo diinaarii shantama liqeeffate. 42 Jarri lachuu waan isaaf kaffalan dhabnaan dhiiseef. Egaa jara lamaan keessaa kamtu caalaa isa jaallata?"
43 Simoonis deebisee, "Isa liqiin guddaan dhiifameef sana natti fakkaata" jedheen.
Iisaanis, "Ati dhugaa dubbatte" isaan jedhe.
44 Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; "Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe. 45 Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne. 46 Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde. 47 Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha."
48 Iisaanis dubartittiidhaan, "Cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.
49 Warri isa wajjin maaddiitti dhiʼaatanii turanis, "Namni cubbuu iyyuu namaa dhiisu kun eenyu?" jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
50 Iisaanis dubartittiidhaan, "Amantiin kee si fayyiseera; nagaan deemi" jedhe.