Publicidade

Lucas 17

Cubbuu, Amantii, Dirqama

1 Iisaan barattoota isaatiin akkana jedhe; "Wantoonni akka namoonni gufatan godhan dhufuun hin oolu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufaniif wayyoo! 2 Inni warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee gufachiisuu mannaa dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaa wayya ture. 3 Kanaafuu of eeggadhaa.

"Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif. 4 Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif."

5 Ergamoonnis Gooftaadhaan, "Amantii keenya nuu guddisi" jedhan.

6 Innis akkana jedhee deebise; "Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.

7 "Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan kan hoolota tiksu qaba haa jennu; inni yeroo garbichi sun alaa galutti, ‘Dafii kottuutii taaʼii waa nyaadhu’ jedhaanii? 8 Qooda kanaa inni garbicha sanaan, ‘Irbaata naa qopheessi; hamma ani nyaadhee dhugutti marxifadhuutii na tajaajili; sana booddee ati ni nyaattaa; ni dhugdas’ hin jedhuunii? 9 Namichis sababii garbichi sun waan ajajame sana raawwateef isa ni galateeffataa? 10 Kanaafuu isinis yommuu waan ajajamtan hunda raawwattanitti, ‘Nu garboota faayidaa hin qabnee dha; waanuma hojjechuu qabnu qofa hojjenne’ jedhaa."

Lamxaaʼonni Kudhan Fayyuu Isaanii

11 Iisaan utuu Yerusaalem dhaquu Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture. 12 Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii, 13 sagalee isaanii ol fudhatanii, "Iisaa yaa Gooftaa, nuu naʼi!" jedhan.

14 Innis yommuu isaan argetti, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!" jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.

15 Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Allaahaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. 16 Adda isaatiinis miilla Iisaa irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.

17 Iisaanis akkana jedhee gaafate; "Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? 18 Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Allaahaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?" 19 Iisaanis, "Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii" jedheen.

Dhufaatii Mootummaa Allaah

20 Fariisonnis mootummaan Allaaha yoom akka dhufu Iisaa gaafatan; innis akkana jedhee deebiseef; "Mootummaan Allaaha namatti mulʼachaa hin dhufu; 21 namoonnis, ‘Mootummaan Allaaha kunoo as jira’ yookaan ‘Kuunnoo achi jira’ hin jedhan; mootummaan Allaaha isin gidduu jiraatii."

22 Innis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Yeroon isin itti guyyoota Ilma Namaa keessaa isa tokko arguu hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan. 23 Namoonni, ‘Inni kuunnoo achi jira!’ yookaan ‘Kunoo as jira’ isiniin jedhu; isin garuu hin dhaqinaa; isaan duukaas hin buʼinaa. 24 Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti shamaayʼun ibsuu ni taʼaatii. 25 Inni garuu duraan dursee akka malee dhiphachuu fi dhaloota kanaan tuffatamuu qaba.

26 "Akkuma bara Nuuhi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. 27 Hamma gaafa Nuuhi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.

28 "Bara Luutis akkasuma ture; namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa, gurgurachaa, biqiltuu dhaabbachaa, manas ijaarrachaa turan. 29 Guyyaa Luuti Sodoomii baʼetti garuu ibiddii fi dinyiin shamaayʼun irraa roobee hunda isaanii balleesse.

30 "Guyyaa Ilmi Namaa mulʼatuttis akkasuma taʼa. 31 Guyyaa sana namni bantii manaa irra jiru kan mana keessaa miʼa qabu miʼa sana fudhachuuf gad buʼuu hin malu. Akkasuma immoo namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu waan tokkoof illee manatti hin deebiʼin. 32 Niitii Luuti yaadadhaa! 33 Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata. 34 Ani isinittin hima; halkan sana namoonni lama siree tokko irra ni rafu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa. 35 Dubartoonni lama walii wajjin midhaan daaku; isheen tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti. [36 Namoonni lama lafa qotiisaa keessa jiru; tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa."]

37 Isaanis, "Yaa Gooftaa, eessatti?" jedhanii gaafatan.

Innis, "Iddoo raqni jirutti gogocorroowwan walitti qabamu" jedhee deebiseef.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-