Publicidade

Lucas 13

Qalbii Jijjiirrachuu Yookaan Baduu

1 Yeroo sana namoonni waaʼee warra Galiilaa kanneen Phiilaaxoos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa Iisaatti himan tokko tokko achi turan. 2 Iisaanis deebisee akkana jedheen; "Sababiin namoonni Galiilaa kunneen akkas dhiphataniif waan isaan saba Galiilaa kaan hunda irra cubbamoota turaniif seetuu? 3 Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu. 4 Yookaan namoonni kudha saddeettan gamoon Saliihoom isaan irratti jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda irra waan yakka hojjetan seetuu? 5 Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu."

6 Innis akkana jedhee fakkeenya kana dubbate; "Namichi tokko muka harbuu kan iddoo dhaabaa wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; innis muka sana irra ija barbaaduu dhaqee waan tokko illee dhabe. 7 Innis hojjetaa iddoo dhaaba wayinichaatiin, ‘Ani waggaa sadan darban kana muka harbuu kana irraa ija barbaadachuuf jedhee marmaaraan ture; garuu waan tokko illee irraa hin arganne; muriitii gati! Inni maaliif lafa balleessa?’ jedhe.

8 "Namichi sunis deebisee akkana jedheen; ‘Yaa Gooftaa, anuu naannoo isaa qoteen xaaʼoo itti naqaatii mee wagguma tokko haa turu. 9 Yoo inni waggaa dhufu ija naqate, gaarii dha! Yoo kanaa achii murtee gatuu dandeessa.’ "

Dubartiin Dugdi Ishee Goophate Tokko Fayyifamuu Ishee

10 Iisaan guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture. 11 Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte. 12 Iisaanis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, "Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta" jedheen, 13 Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Allaah galateeffatte.

14 Bulchaan mana sagadaas sababii Iisaan guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, "Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa" jedhe.

15 Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa? 16 Yoos dubartiin kun intalli Ibraahim kan sheeyxaanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?"

17 Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan.

Fakkeenya Sanyii Sanaaficaatii fi Fakkeenya Raacitii

18 Iisaanis akkana jedhee gaafate; "Mootummaan Allaaha maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa? 19 Mootummaan Allaaha sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan."

20 Amma illee akkana jedhee gaafate; "Ani mootummaa Allaaha maaliinan wal fakkeessa? 21 Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata."

Balbala Dhiphaa

22 Iisaanis utuu gara Yerusaalem deemuu namoota barsiisaa magaalaawwanii fi gandoota keessa darbaa ture. 23 Namichi tokkos, "Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?" jedhee isa gaafate.

Innis akkana isaaniin jedhe; 24 "Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan. 25 Abbaan mana sanaa takkaa kaʼee balbalicha cufannaan isin ala dhaabatanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa balbala nuu bani’ jettanii kadhattu.

"Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku’ isiniin jedha.

26 "Isin immoo, ‘Nu si wajjin nyaannee dhugneerra; atis daandii keenya irratti barsiifteerta’ jettuun.

27 "Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warri hammina hojjettan hundinuu na biraa badaa!’ jedha.

28 "Yommuu Ibraahim, Yisihaaq, Yaaʼikuubii fi nabiiʼiyyoota hunda mootummaa Allaaha keessatti argitanii, ofii keessanii immoo gad darbatamtan, achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa. 29 Namoonnis baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa dhufanii mootummaa Allaaha keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu. 30 Dhugumaanuu kanneen warra dhumaa taʼan keessaa kanneen warra jalqabaa, kanneen warra jalqabaa taʼan keessaa immoo warra dhumaa taʼan jiru."

Iisaan Yerusaalemiif Gadduu Isaa

31 Yeroo sana Fariisota keessaa namoonni tokko tokko gara Iisaa dhufanii, "Sababii Heroodis si ajjeesuu barbaaduuf asii deemii iddoo biraa dhaqi" jedhaniin.

32 Innis akkana jedhee deebise; "Dhaqaatii waangoo sanaan, ‘Kunoo, ani harʼaa fi bori hafuurota hamoo nan baasa; namoota dhukkubsatanis nan fayyisa; guyyaa sadaffaatti immoo hojii koo nan fixadha’ jedhaa. 33 Waan fedhe iyyuu taanaan, ani harʼaa fi bori, iftaanis adeemsa koo itti fufuutu naa mala; nabiiʼiyyiin Yerusaalemiin alatti duʼuu hin qabuutii!

34 "Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan nabiiʼiyyoota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne. 35 Kunoo, manni keessan onee isinii hafa. Ani isinittin hima; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-