Publicidade

Lucas 18

Fakkeenya Haadha Hiyyeessaa Tokkoo

1 Iisaanis akka isaan yeroo hunda duʼaa gochuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime. 2 Innis akkana jedhe; "Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Allaah hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture. 3 Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.

4 "Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Allaah hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee, 5 sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ "

6 Gooftaanis akkana jedhe; "Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa; 7 Allaahan immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree? 8 Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?"

Fakkeenya Fariisichaatii fi Namicha Qaraxa Walitti Qabuu

9 Iisaanis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime. 10 "Namoonni lama duʼaa godhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan. 11 Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee duʼaa godhate; ‘Yaa Allaah, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha. 12 Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’

13 "Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Allaah, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara shamaayʼun hin ilaalle.

14 "Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Allaaha duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama."

Iisaa fi Ijoollee Xixinnoo

15 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Iisaatti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan. 16 Iisaan garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Allaaha kan warra akkanaatii. 17 Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Allaaha hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu."

Fakkeenya Sooressaatii fi Mootummaa Allaah

18 Bulchaan tokko, "Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?" jedhee isa gaafate.

19 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ati maaliif gaarii naan jetta? Allaah tokkicha malee gaariin hin jiru. 20 Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’"

21 Namichis, "Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera" jedhe.

22 Iisaanis yommuu waan kana dhagaʼetti, "Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedheen.

23 Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii. 24 Iisaanis isa ilaalee akkana jedhe; "Mootummaa Allaahatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha! 25 Dhugumaan namni sooressi mootummaa Allaahatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata."

26 Warri waan kana dhagaʼanis, "Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?" jedhanii gaafatan.

27 Iisaanis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Allaahaf ni dandaʼama" jedhee deebise.

28 Phexrosis, "Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra" jedheen.

29 Iisaan immoo akkana isaaniin jedhe; "Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Allaahatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee, 30 bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru."

Iisaa Yeroo Sadaffaa Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate

31 Iisaa warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; "Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni nabiiʼiyyoonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama. 32 Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. 33 Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa."

34 Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle.

Namichi Jaamaan Tokko Fayyifamuu Isaa

35 Yeroo Iisaa Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture. 36 Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate. 37 Isaanis, "Iisaa nama Naazreetitu asiin darbaa jira" jedhanii isatti himan.

38 Innis, "Iisaa, yaa ilma Daawud, na maari!" jedhee iyye.

39 Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, "Yaa ilma Daawud na maari!" jedhee ittuma caalchisee iyye.

40 Iisaanis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Iisaan akkana jedhee isa gaafate; 41 "Akka ani maal siif godhu barbaadda?"

Namichis, "Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada" jedhee deebise.

42 Iisaanis, "Argi; amantiin kee si fayyiseeraa" jedheen. 43 Innis yeruma sana argee Allaah jajachaa Iisaa duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Allaah jajan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-