1 Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Allaah wajjin ture; dubbiin sunis Allaah ture. 2 Innis jalqabatti Allaah wajjin ture. 3 Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru. 4 Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture. 5 Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.
6 Nama Allaah biraa ergame kan maqaan isaa Yahyaa jedhamu tokkotu ture. 7 Innis akka namni hundinuu karaa isaatiin amanuuf dhuga baatuu taʼee waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuuf dhufe. 8 Waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuu dhufe malee inni mataan isaa ifa hin turre.
9 Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture. 10 Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne. 11 Innis gara saba isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin fudhanne. 12 Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Allaaha taʼaniif mirga kenne. 13 Isaanis Allaah irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
14 Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
15 Yahyaanis waaʼee isaa dhugaa baʼe. Sagalee isaas ol fudhatee akkana jedhe; "Inni ani, ‘Inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana." 16 Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra. 17 Seerri karaa Muusaatiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Iisaa Al-Masiihiitiin dhufe. 18 Eenyu iyyuu takkumaa Allaah hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.
19 Yommuu Yihuudoonni lubootaa fi Lewwota Yerusaalem Yahyaatti erganii, "Ati eenyu?" jedhanii gaafachiisanitti dhuga baʼumsi Yohannis kenne kana ture. 20 Inni dhugaa baʼe malee hin ganne; "Ani Al-Masiihi miti" jedhee dhugaa baʼe.
21 Isaanis, "Yoos ati eenyu ree? Iliyaas moo?" jedhanii isa gaafatan.
Innis, "Lakki, ani isa miti" jedhee deebiseef.
Isaanis, "Yoos ati Nabiiʼiyyichaa ree?" jedhaniin.
Inni immoo, "Lakki" jedheen.
22 Isaanis, "Ati eenyu ree? Akka warra nu erganiif deebii kenninuuf ati eenyu ofiin jetta?" jedhaniin.
23 Yahyaanis dubbii Isaayyaas nabiiʼiyyichi dubbate sanaan deebisee, "Ani sagalee gammoojjii keessaa, ‘Gooftaaf karaa qajeelchaa’ jedhee iyyu sanaa dha" jedheen.
24 Fariisonni ergaman tokko tokkos, 25 akkana jedhanii isa gaafatan; "Ati erga Al-Masiihii yookaan Iliyaas yookaan nabiiʼiyyicha taʼuu baattee maaliif cuuphxa ree?"
26 Yahyaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Ani bishaaniin nan cuupha; namni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabata. 27 Innis isa na duubaan dhufu kan ani hidhaa kophee isaa iyyuu hiikuufii hin mallee dha."
28 Wanni kun hundi Yordaanos gama iddoo Yahyaan itti cuuphaa ture Biitaaniyaa keessatti taʼe.
29 Guyyaa itti aanutti Yahyaan utuu Iisaan gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; "Ilaa Hoolaa Allaaha isa cubbuu addunyaa balleessu! 30 Inni ani, ‘Namni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana. 31 Ani mataan koo iyyuu isa hin beekun ture; sababiin ani bishaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israaʼelitti mulʼifamuuf."
32 Yahyaan itti fufee akkana jedhee dhugaa baʼe; "Ani utuu Hafuurri akkuma gugeetti shamaayʼun irraa gad buʼee isa irra jiraatuu nan arge. 33 Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture. 34 Anis argeera; akka inni Ilma Allaaha taʼes dhugaa baʼeera."
35 Guyyaa itti aanutti Yahyaan ammas barattoota isaa keessaa lama wajjin achi ture. 36 Innis utuu Iisaan achi irra darbuu argee, "Ilaa, Hoolaa Allaaha!" jedhe.
37 Barattoonni lamaanis waan kana dubbachuu isaa dhagaʼanii Iisaa duukaa buʼan. 38 Iisaanis of irra garagalee isa duukaa buʼuu isaanii argee, "Isin maal barbaaddu?" jedheen.
Isaanis, "Rabbii, ati eessa jiraatta?" jedhaniin. Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu dha.
39 Innis, "Kottaatii ilaalaa" jedheen.
Isaanis dhaqanii akka inni eessa jiraatu argan; gaafa sana isa wajjin oolan. Yeroon sunis gara saʼaatii kurnaffaa ture.
40 Warra waan Yahyaan dubbate dhagaʼanii Iisaa duukaa buʼan lamaan keessaa inni tokko Indiriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture. 41 Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, "Nu Al-Masiihicha arganneerra" jedheen; Al-Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha. 42 Indiriiyaasis Simʼoonin gara Iisaatti fide.
Iisaanis isa ilaalee, "Ati Simoon ilma Yohannis, Keefaa jedhamtee ni waamamta" jedheen. Keefaa jechuun Phexros jechuu dha.
43 Iisaanis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade. Innis Fiiliphoosin argee, "Na duukaa buʼi" jedheen.
44 Fiiliphoosis akkuma Indiriiyaasii fi Phexros nama magaalaa Beetisayidaa ture. 45 Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, "Isa Muusaan kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa nabiiʼiyyoonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yuusuf, Iisaa nama Naazreeti arganneerra" jedheen.
46 Naatnaaʼelis, "Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?" jedhee gaafate.
Fiiliphoosis, "Kottuutii ilaali" jedheen.
47 Iisaanis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, "Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!" jedhee waaʼee isaa dubbate.
48 Naatnaaʼelis, "Ati eessatti na beekta?" jedheen.
Iisaanis, "Utuu Fiiliphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge" jedhee deebiseef.
49 Naatnaaʼelis, "Yaa Barsiisaa, ati Ilma Allaaha ti! Ati Mootii Israaʼel" jedheen.
50 Iisaan immoo akkana jedheen; "Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta." 51 Innis itti dabalee, "Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; shamaayʼuniin banamee utuu malaʼikkoonni Allaaha Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu" jedheen.