1 Wantoota kanneen booddee Iisaan Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe; 2 namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan. 3 Iisaanis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe. 4 Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
5 Iisaan yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, "Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?" jedhe. 6 Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
7 Fiiliphoos immoo, "Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata" jedhee deebiseef.
8 Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen; 9 "Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?"
10 Iisaanis, "Namoota teessisaa" jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture. 11 Iisaanis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
12 Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, "Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin" jedhe. 13 Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
14 Namoonnis yommuu mallattoo Iisaan hojjete arganitti, "Kun dhugumaanuu Nabiiʼiyyii gara addunyaa dhufuuf jiru" jedhan. 15 Iisaanis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
16 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan; 17 achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Iisaan amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture. 18 Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame. 19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Iisaan galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis. 20 Inni garuu, "Anumaatii hin sodaatinaa" jedheen. 21 Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Iisaan barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan. 23 Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan. 24 Namoonni sunis yommuu akka Iisaa fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Iisaa barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
25 Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, "Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?" jedhanii isa gaafatan.
26 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu. 27 Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Allaahan Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii."
28 Isaanis, "Nu akka hojii Allaaha hojjennuuf maal gochuu qabna?" jedhanii isa gaafatan.
29 Iisaanis, "Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Allaaha ti" jedhee deebiseef.
30 Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; "Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas? 31 ‘Akka isaan nyaataniif shamaayʼun irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan."
32 Iisaanis akkana jedheen; "Ani dhuguman isinitti hima; kan shamaayʼun irraa buddeena isinii kenne Muusaa miti; kan shamaayʼun irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti. 33 Buddeenni Allaaha isa shamaayʼun irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii."
34 Isaanis, "Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni" jedhaniin.
35 Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu. 36 Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan. 37 Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu. 38 Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf shamaayʼun irraa gad hin buuneetii. 39 Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti. 40 Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa."
41 Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, "Ani buddeena shamaayʼun irraa gad buʼee dha" jedheef isatti guungumuu jalqaban. 42 Isaanis, "Kun Iisaa ilma Yuusuf, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani shamaayʼun irraa gad buʼeera’ jedha ree?" jedhan.
43 Iisaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Walitti hin guunguminaa. 44 Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. 45 Nabiiʼiyyoota keessatti, ‘Isaan hundi warra Allaah irraa baratan ni taʼu’ jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa. 46 Isa Allaah biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge. 47 Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba. 48 Buddeenni jireenyaa ana. 49 Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan. 50 Buddeenni shamaayʼun irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu. 51 Buddeenni jiraataan shamaayʼun irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti."
52 Yihuudoonnis, "Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?" jedhanii wal falman.
53 Iisaan immoo akkana jedheen; "Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan. 54 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. 55 Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti. 56 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha. 57 Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata. 58 Buddeenni shamaayʼun irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata." 59 Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
60 Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, "Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?" jedhan.
61 Iisaanis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; "Kun isin gufachiisaa ree? 62 Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree? 63 Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas. 64 Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru." Iisaan jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii. 65 Innis ittuma fufee, "Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma" jedhe.
66 Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
67 Iisaanis warra Kudha Lamaaniin, "Isinis deemuu barbaadduu?" jedhee gaafate.
68 Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; "Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa. 69 Nu akka ati Qulqullicha Allaaha taate amanneerra; beekneerras."
70 Iisaanis deebisee, "Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko ibliisii dha!" jedhe. 71 Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Iisaa dabarsee kennuuf tureetii!