1 Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Iisaan gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Iisaan duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe. 2 Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture. 3 Mariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Iisaa dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
4 Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe; 5 "Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?" 6 Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
7 Iisaanis deebisee akkana jedhe; "Isheen shittoo kana guyyaa qabrii kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa. 8 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan."
9 Yihuudoonni baayʼeen akka Iisaan achi jiru beekanii Iisaa qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan. 10 Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan; 11 Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Iisaatti amanaa turaniitii.
12 Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Iisaan gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan. 13 Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan;
"Hoosaaʼinaa!"
"Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"
"Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!"
14 Iisaanis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
15 "Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin;
kunoo, mootiin kee,
ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira."
16 Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Iisaan ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
17 Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin qabrii keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan. 18 Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan. 19 Kanaafuu Fariisonni, "Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!" waliin jedhan.
20 Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan. 21 Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, "Yaa gooftaa, Iisaa arguu barbaanna" jedhaniin. 22 Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Iisaatti himan.
23 Iisaan immoo akkana jedhee isaaniif deebise; "Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera. 24 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata. 25 Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. 26 Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
27 "Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe. 28 Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!"
Ergasii sagaleen, "Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa" jedhu tokko shamaayʼuniidhaa dhufe. 29 Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, "Ni kakawwise" jedhe. Warri kaan immoo, "Malaʼikkaa Allaahatu isatti dubbate" jedhan.
30 Iisaan akkana jedhee deebise; "Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti. 31 Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama. 32 Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa." 33 Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
34 Tuunnis deebisee, "Akka Al-Masiihiin bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?" jedheen.
35 Iisaan immoo akkana jedheen; "Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii. 36 Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa." Iisaanis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
37 Iisaan fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne. 38 Kunis dubbiin Isaayyaas nabiiʼiyyichaa kan:
"Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?
Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?"
jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
39 Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
40 "Ija isaaniitiin akka hin argineef,
qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef,
akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef,
inni ija isaanii jaamseeraatii;
garaa isaaniis jabeesseera."
41 Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
42 Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne; 43 isaan ulfina Allaaha irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
44 Iisaanis iyyee akkana jedhe; "Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti. 45 Kan na argus isa na erge sana arga. 46 Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
47 "Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii. 48 Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura. 49 Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne. 50 Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha."