Publicidade

João 8

Dubartii Ejja Irratti Qabamte

1 Iisaan garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.

2 Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise. 3 Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii, 4 Iisaadhaan akkana jedhan; "Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte. 5 Muusaan Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?" 6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan.

Iisaan garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe. 7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, "Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu" jedheen. 8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.

9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Iisaan immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe. 10 Iisaanis ol jedhee, "Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?" jedheen.

11 Isheenis, "Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre" jetteen.

Iisaanis, "Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin" jedheen.]) hin qaban yookaan iddoo biraa yookaan immoo injiilota biraa keessa seensisan.

Iisaan ifa addunyaa ti

12 Iisaan ammas, "Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu" jedhee isaanitti dubbate.

13 Fariisonnis, "Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti" jedhaniin.

14 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan. 15 Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru. 16 Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii. 17 Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera. 18 Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa."

19 Isaanis, "Abbaan kee eessa jira?" jedhanii isa gaafatan.

Iisaan immoo deebisee, "Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan" jedhe. 20 Iisaan utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.

21 Iisaan amma illee, "Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan" isaaniin jedhe.

22 Yihuudoonnis, " ‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?" jedhan.

23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; "Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti. 24 Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu."

25 Isaanis, "Ati eenyu?" jedhanii isa gaafatan.

Iisaan immoo akkana jedhee deebise; "Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha. 26 Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima."

27 Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne. 28 Kanaafuu Iisaan akkana isaaniin jedhe; "Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu. 29 Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne." 30 Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.

Ijoollee Ibraahim

31 Iisaan Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; "Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. 32 Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa."

33 Isaanis, "Nu sanyii Ibraahim; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?" jedhaniin.

34 Iisaanis deebisee akkana jedhe; "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti. 35 Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata. 36 Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu. 37 Isin sanyii Ibraahim taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu. 38 Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu."

39 Isaanis, "Abbaan keenya Ibraahim" jedhan.

Iisaan immoo akkana jedhe; "Isin utuu ijoollee Ibraahim taatanii silaa hojii Ibraahim hojjete ni hojjettu turtan. 40 Isin garuu ana nama dhugaa Allaah irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Ibraahim waan akkasii hin hojjenne. 41 Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu."

Isaanis, "Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Allaah" jedhaniin.

Ijoollee Ibliis

42 Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Isin utuu Allaahan abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Allaah biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne. 43 Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef. 44 Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee ibliis; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata. 45 Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan! 46 Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne? 47 Namni kan Allaaha taʼe kam iyyuu dubbii Allaaha ni dhagaʼa. Isin waan kan Allaaha hin taʼiniif hin dhageessan."

Iisaan Waaʼee Ofii Isaa Dubbate

48 Yihuudoonnis deebisanii, "Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?" jedhaniin.

49 Iisaan immoo akkana jedhe; "Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan. 50 Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti. 51 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu."

52 Yihuudoonnis akkana jedhaniin; "Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Ibraahim duʼeera; nabiiʼiyyoonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta. 53 Ati abbaa keenya Ibraahim caaltaa? Inni duʼeera; nabiiʼiyyoonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?"

54 Iisaan akkana jedhee deebise; "Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Allaah keenya jettaniin sanaa dha. 55 Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega. 56 Abbaan keessan Ibraahim guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades."

57 Yihuudoonnis, "Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Ibraahimin argiteertaa?" jedhaniin.

58 Iisaanis, "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Ibraahim hin dhalatin iyyuu ani anuma" isaaniin jedhe. 59 Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Iisaan garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-