1 Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Mariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha. 2 Mariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha. 3 Kanaaf obboleettonni isaa, "Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira" jedhanii Iisaatti dhaaman.
4 Iisaanis yommuu waan kana dhagaʼetti, "Dhibeen kun akka Ilmi Allaaha ittiin ulfaatuuf, ulfina Allaahatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu" jedhe. 5 Iisaanis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture. 6 Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture. 7 Innis ergasii barattoota isaatiin, "Kottaa Yihuudaatti deebinaa" jedhe.
8 Barattoonni isaa immoo, "Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?" jedhaniin.
9 Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu. 10 Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata."
11 Innis erga waan kana dubbatee booddee, "Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa" isaaniin jedhe.
12 Barattoonni isaas, "Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya" jedhaniin. 13 Iisaan waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.
14 Kanaafuu Iisaan akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; "Alʼaazaar duʼeera; 15 akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa."
16 Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, "Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa" jedhe.
17 Iisaan yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga qabbaramee guyyaa afur akka ture beeke. 18 Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte; 19 Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Mariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan. 20 Maartaan yommuu dhufaatii Iisaa dhageessetti isa simachuu gad baate; Mariyaam garuu mana teesse.
21 Maartaanis Iisaadhaan akkana jette; "Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. 22 Ammas taanaan akka waan ati Allaah duratti duʼaa godhattu hunda Allaahan siif kennu nan beeka."
23 Iisaanis, "Obboleessi kee ni kaʼa" jedheen.
24 Maartaanis deebiftee, "Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka" jetteen.
25 Iisaan immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; 26 kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"
27 Isheenis, "Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Al-Masiihi Ilma Allaaha kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana" jetteen.
28 Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Mariyaamin kophaatti waamtee, "Barsiisaan dhufeera; si waamas" jetteen. 29 Mariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe. 30 Iisaan yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne. 31 Yihuudoonni Mariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara qabrii dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.
32 Mariyaamis yommuu iddoo Iisaan ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, "Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture" jetteen.
33 Iisaanis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates. 34 Innis, "Eessa isa keessan?" jedhee isaan gaafate.
Isaanis, "Yaa Gooftaa, kottuu ilaali" jedhaniin.
35 Iisaanis imimmaan dhangalaase.
36 Yihuudoonnis, "Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!" jedhan.
37 Isaan keessaa tokko tokko garuu, "Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?" jedhan.
38 Iisaan ammas akka malee jeeqamee gara qabrii sanaa dhaqe. Qabriin sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture. 39 Iisaanis, "Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!" jedhe.
Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, "Yaa Gooftaa, inni erga qabbaramee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa" jetteen.
40 Iisaan immoo, "Ati yoo amante akka ulfina Allaaha argitu ani sitti hin himnee?" jedheen.
41 Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Iisaanis ol ilaalee akkana jedhe; "Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha. 42 Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe."
43 Iisaanis waan kana dubbatee, "Alʼaazaar, as baʼi!" jedhee sagalee guddaadhaan iyye. 44 Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe.
Iisaanis, "Isa hiikaa, haa deemu" isaaniin jedhe.
45 Kanaafuu Yihuudoota gara Mariyaam dhufanii waan Iisaan hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan. 46 Isaan keessaa tokko tokko garuu Fariisota bira dhaqanii waan Iisaan hojjete itti himan. 47 Kana irratti luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yaaʼii Yihuudootaa waaman.
Isaanis akkana jedhanii gaafatan; "Namichi kun mallattoo baayʼee argisiisaa jira. Maal haa goonu? 48 Yoo akkasumatti isa dhiifne namni hundi isatti amana; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya nurraa fudhatu."
49 Isaan keessaas namichi Qayyaaffaa jedhamu kan bara sana luba ol aanaa ture tokko akkana isaaniin jedhe; "Isin waan tokko illee hin beektan! 50 Sabni guutummaatti dhumuu irra namni tokko sabaaf duʼuun akka isinii wayyu hin hubattan."
51 Inni bara sana waan luba ol aanaa tureef, akka Iisaan saba sanaaf duʼu raajii dubbachuu isaati malee dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne; 52 kunis ijoollee Allaaha kanneen bittinnaaʼan walitti qabee tokko gochuuf malee saba sana qofaaf miti. 53 Kanaafuu isaan gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf malachaa turan.
54 Kanaafuu Iisaan ifatti baʼee Yihuudoota gidduu hin deddeebine. Achii kaʼee gara magaalaa Efreem jedhamu kan gammoojjiitti dhiʼaatu tokkoo dhaqe; barattoota isaa wajjinis achi ture.
55 Faasiikaan Yihuudootaa waan dhiʼaatee tureef, namoonni hedduun utuu Faasiikaan hin gaʼin of qulqulleessuuf jedhanii baadiyyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼan. 56 Isaanis Iisaa barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessas dhaabatanii, "Isin maal seetu? Inni gara Ayyaana kanaa hin dhufuu laata?" waliin jedhan. 57 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni garuu Iisaa qabuuf jedhanii namni iddoo inni jiru beeku yoo jiraate akka isaanitti himuuf ajaja kennanii turan.