1 Phiilaaxoosis Iisaa fuudhee garafsiise. 2 Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii, 3 "Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!" jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.
4 Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, "Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa" jedhe. 5 Iisaanis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, "Namichi kunoo ti!" isaaniin jedhe.
6 Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, "Fannisi! Fannisi!" jedhanii iyyan.
Phiilaaxoos immoo deebisee, "Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne" jedheen.
7 Yihuudoonnis deebisanii, "Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Allaaha of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba" jedhan.
8 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate. 9 Innis masaraatti ol deebiʼee, "Ati nama eessaati?" jedhee Iisaa gaafate. Iisaan garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef. 10 Phiilaaxoosis, "Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?" jedheen.
11 Iisaan immoo, "Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba" jedhee deebiseef.
12 Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Iisaa gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, "Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma" jedhanii iyyan.
13 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Iisaa gad baasee, iddoo "Dhagaa Afamaa" kan afaan Ibraayisxiitiin "Gabataa" jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe. 14 Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture.
Phiilaaxoosis Yihuudootaan, "Mootiin keessan kunoo ti!" jedhe.
15 Isaan garuu, "Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!" jedhanii iyyan.
Phiilaaxoos immoo, "Mootii keessan fannisu moo?" jedhee gaafate.
Luboonni hangafoonnis, "Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu" jedhanii deebisaniif.
16 Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne.
Isaanis Iisaa fuudhanii deeman. 17 Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe. 18 Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Iisaa immoo gidduu isaaniitti fannisan.
19 Phiilaaxoosis Katabbii,
Iisaa Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa,
jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse. 20 Iddoon Iisaan itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame. 21 Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, "Namichi kun, ‘ "Ani mootii Yihuudootaa ti" jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin" jedhan.
22 Phiilaaxoosis, "Ani waanan barreesse, barreesseera" jedhee deebise.
23 Loltoonni sunis erga Iisaa fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.
24 Kanaafuu isaan, "Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa" waliin jedhan.
Kunis akka Katabbiin Qulqulluun,
"Isaan wayyaa koo hiratan;
uffata koottis ixaa buufatan"
jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.
25 Fannoo Iisaa biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Mariyaam niitiin Qilophaatii fi Mariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan. 26 Iisaanis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, "Dubartii nana! Kunoo, ilma kee" jedhe. 27 Barataa sanaan illee, "Kunoo haadha kee" jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.
28 Ergasii Iisaan akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, "Nan dheebodhe" jedhe. 29 Qodaan dhangaggaaʼaa qabu tokko achi ture; isaanis dhangaggaaʼaa sana keessa ispoonjii cuuphanii hiisophiitti kaaʼanii afaan isaatti qaban. 30 Iisaanis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, "Raawwateera" jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.
31 Guyyaan sun guyyaa Qophii ture; guyyaan itti aanus Sanbataa addaa ture. Kanaafuu akka reeffi isaanii Sanbataan fannoo irra hin oolle gochuuf jedhanii akka miilli isaanii cabsamee fannoo irraa gad buufamuuf Yihuudoonni Phiilaaxoosin kadhatan. 32 Kanaafuu loltoonni dhaqanii miilla namicha jalqabaa, miilla namicha Iisaa wajjin fannifame kaaniis cabsan. 33 Yommuu gara Iisaa dhufanitti garuu inni duʼe waan arganiif miilla isaa hin cabsine. 34 Loltoota sana keessaa inni tokko garuu eeboodhaan cinaacha isaa waraane; yeruma sana dhiignii fi bishaan baʼe. 35 Namni waan kana arge rageesseera; ragaan isaas dhugaa dha. Inni akka dhugaa dubbatu ni beeka; inni akka isinis amantaniif dubbata. 36 Kunis wanni Katabbiin Qulqulluun, "Lafeen isaa tokko iyyuu hin cabsamu" jedhe sun akka raawwatamuuf taʼe. 37 Ammas Katabbiin Qulqulluun biraa, "Isaanis isa waraanan sana ni ilaalu" jedha.
38 Ergasii Yuusuf namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudoota sodaateef dhoksaan barataa Iisaa ture sun reeffa Iisaa fudhachuuf Phiilaaxoosin kadhate. Phiilaaxoosis isaaf eeyyame; kanaafuu inni dhaqee reeffa Iisaa fudhate. 39 Niqoodemoos inni duraan halkaniin gara Iisaa dhufee tures walmakaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afur ulfaatu qabatee dhufe. 40 Isaanis reeffa Iisaa fuudhanii akka duudhaa Yihuudootaatti qabbaruuf urgooftuu wajjin huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan. 41 Iddoo Iisaan itti fannifames lafa biqiltuu tokkotu ture; lafa biqiltuu sana keessas iddoo qabrii haaraa kan namni tokko iyyuu duraan itti hin qabbaramin tokkotu ture. 42 Sababii guyyaan sun guyyaa Qophii Yihuudootaa turee fi iddoon qabrii sunis waan dhiʼoo tureef Iisaa achi keessa kaaʼan.