1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii utuma dukkanaaʼee jiruu Mariyaam isheen Magdalaa gara qabrii dhaqxee akka dhagaan afaan qabrii sanaa irraa fuudhame argite. 2 Kanaafuu isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara barataa biraa kan Iisaan isa jaallate sanaa dhaqxee, "Gooftaa qabrii keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu!" jetteen.
3 Kanaafuu Phexrosii fi barataan kaan baʼanii gara qabrii dhaqan. 4 Lachan isaanii iyyuu ni fiigu turan; barataan kaan garuu Phexros bira darbee fiiguudhaan dursee iddoo qabrii sana gaʼe. 5 Innis gad jedhee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame lafatti arge malee qabrii keessa hin seenne. 6 Simoon Phexros immoo isa duubaan dhufee qabrii keessa seene. Huccuu sanas lafatti arge; 7 akkanumas huccuu mataa Iisaatti maramee ture arge. Huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee iddoo biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame sana bira hin turre. 8 Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti qabrii bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane. 9 Isaan akka Iisaan warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.
10 Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebiʼan.
11 Mariyaam garuu alaan qabrii bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus qabriitti gad jettee ilaalte; 12 isheenis malaʼikkoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Iisaa kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite.
13 Isaanis, "Dubartii nana, maaliif boossa?" jedhaniin.
Isheen immoo, "Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku" jetteen. 14 Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Iisaa achi dhaabatu argite; garuu Iisaa taʼuu isaa hin beekne.
15 Iisaanis, "Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?" jedheen.
Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, "Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi" jetteen.
16 Iisaanis, "Mariyaam!" jedheen.
Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, "Rabbuunii!" jetteen. Hiikkaan isaas "Barsiisaa" jechuu dha.
17 Iisaan immoo, "Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Allaah kootii fi Allaah keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi" jedheen.
18 Mariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, "Ani Gooftaa argeera!" jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.
19 Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Iisaan dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Assalaam aleeyikum" jedheen. 20 Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan.
21 Iisaan amma illee, "Assalaam aleeyikum! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga" jedheen. 22 Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; "Hafuura Qulqulluu fudhadhaa. 23 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu."
24 Garuu yeroo Iisaan dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre. 25 Kanaafuu barattoonni warri kaan, "Nu Gooftaa argineerra!" jedhanii isatti himan.
Inni garuu, "Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu" jedheen.
26 Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Iisaan ol galee isaan gidduu dhaabatee, "Assalaam aleeyikum!" jedheen. 27 Innis Toomaasiin, "Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin" jedhe.
28 Toomaas immoo, "Gooftaa koo! Allaah koo!" jedheen.
29 Iisaanis, "Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha" jedheen.
30 Iisaan barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete. 31 Wantoonni kunneen garuu akka Iisaan inni Al-Masiihi Ilma Allaaha taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.