1 Kana booddee Iisaan Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine. 2 Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture. 3 Obboloonni isaas akkana jedhaniin; "Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi. 4 Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi." 5 Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.
6 Iisaanis akkana jedheen; "Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha. 7 Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba. 8 Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu." 9 Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe.
10 Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe. 11 Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, "Namichi sun eessa jira?" jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan.
12 Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, "Inni nama gaarii dha" jedhan.
Warri kaan immoo, "Akkas miti; inni nama dogoggorsa" jedhan. 13 Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne.
14 Gara walakkaa Ayyaanichaattis Iisaan mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe. 15 Yihuudoonnis dinqifatanii, "Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?" jedhan.
16 Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti. 17 Namni fedhii Allaaha gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Allaah biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka. 18 Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru. 19 Muusaan seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?"
20 Jarris deebisanii, "Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?" jedhaniin.
21 Iisaanis deebisee akkana jedheen; "Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan. 22 Muusaan seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Muusaa miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu. 23 Akka seerri Muusaa hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu? 24 Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa."
25 Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; "Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii? 26 Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Al-Masiihii taʼe sirriitti beekaniiruu laata? 27 Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Al-Masiihiin yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku."
28 Iisaan utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; "Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan; 29 ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka."
30 Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne. 31 Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, "Al-Masiihiin yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?" jedhan.
32 Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Iisaa qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan.
33 Iisaanis akkana jedheen; "Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa. 34 Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan."
35 Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; "Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa? 36 ‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaas maal jechuu isaatii?"
37 Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Iisaan kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; "Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu. 38 Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa." 39 Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Iisaan amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii.
40 Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, "Kun dhugumaanuu Nabiiʼiyyicha" jedhan.
41 Warri kaan immoo, "Inni Al-Masiihii dha" jedhan.
Namoonni kaanis akkana jedhan; "Al-Masiihiin Galiilaadhaa dhufaa? 42 Akka Al-Masiihiin sanyii Daawud keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawudii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?" 43 Akkasiin waaʼee Iisaan irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame. 44 Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
45 Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, "Isin maaliif isa hin fidin?" jedhanii eegdota sana gaafatan.
46 Eegdonnis, "Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne" jedhanii deebisan.
47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, "Isinis gowwoomfamtaniirtuu? 48 Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa? 49 Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha."
50 Niqoodemoos inni duraan Iisaa bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe; 51 "Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?"
52 Isaanis, "Atis nama Galiilaatii? Akka nabiiʼiyyiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi" jedhaniin.
[53 Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan.