Publicidade

Marcos 10

Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii

1 Iisaanis achii kaʼee gara biyya Yihuudaatii fi Yordaanos gamaa dhaqe. Amma illee namoonni isa biratti walitti qabaman; innis akkuma bartee isaatti isaan barsiise.

2 Fariisonni dhufanii, "Namni tokko niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?" jedhanii gaafachuudhaan isa qoran.

3 Innis deebisee, "Muusaan maal isin ajaje?" jedheen.

4 Isaanis, "Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Muusaan eeyyameera" jedhan.

5 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Muusaan sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse. 6 Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Allaahan, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’ 7 ‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa; 8 lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. 9 Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."

10 Utuu ammas mana jiranuu barattoonni waaʼee dubbii kanaa Iisaa gaafatan. 11 Innis akkana jedhee deebiseef; "Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata. 12 Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti."

Iisaan Ijoollee Eebbisuu Isaa

13 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Iisaatti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan. 14 Iisaan yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Allaaha kan warra akkanaatii. 15 Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Allaaha hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu." 16 Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.

Dargaggeessa Sooressa Tokko

17 Akkuma Iisaan deemuuf karaa qabateen namichi tokko fiigaa dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, "Yaa barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?" jedhee gaafate.

18 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ati maaliif gaarii naan jetta? Allaah tokkicha malee gaariin hin jiru. 19 Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’"

20 Namichis, "Yaa barsiisaa, ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera" jedhe.

21 Iisaan namicha ilaalee isa jaallatee, "Waan tokkotu si duraa hirʼata; dhaqiitii waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun irratti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedheen.

22 Kana irratti fuulli namichaa ni geeddarame. Inni gaddee achii deeme; qabeenya guddaa qaba tureetii.

23 Iisaanis naannoo isaa ilaalee barattoota isaatiin, "Mootummaa Allaahatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!" jedhe.

24 Barattoonnis dubbii isaa ni dinqisiifatan. Iisaan garuu ammas akkana jedheen; "Ijoolle, mootummaa Allaahatti galuun akkam rakkisaa dha! 25 Namni sooressi mootummaa Allaahatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata."

26 Barattoonnis akka malee raajeffatanii, "Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?" waliin jedhan.

27 Iisaanis isaan ilaalee, "Kun garuu Allaahaf malee namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii" jedhe.

28 Kana irratti Phexros, "Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra!" jedhe.

29 Iisaanis deebisee akkana jedheen; "Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi injiilaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu, 30 kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru. 31 Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa, warri dhumaa immoo warra jalqabaa ni taʼu."

Iisaan Ammas Waaʼee Duʼa Isaa Duraan Dursee Dubbate

32 Isaanis Yerusaalemitti ol baʼuuf jedhanii karaa irra turan; Iisaan immoo isaan dura deemaa ture; barattoonnis ni dinqisiifatan; warri duukaa buʼaa turan immoo ni sodaatan. Iisaan amma illee warra kudha lamaan kophaatti baasee waan isatti dhufuuf jiru isaanitti hime. 33 Akkanas jedhe; "Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu; 34 isaanis isatti qoosu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Inni garuu guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa."

Kadhaa Yaaʼikuubii fi Yohannis

35 Ilmaan Zabdewoos jechuunis Yaaʼikuubii fi Yohannis gara Iisaa dhufanii, "Yaa Barsiisaa, akka ati waan nu si kadhannu kam iyyuu nuu gootu barbaanna" jedhan.

36 Innis, "Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?" jedheen.

37 Isaanis deebisanii, "Yeroo ulfina keetiitti, tokkoon keenya mirga keetiin, tokkoon keenya immoo bitaa keetiin akka teenyuuf nuuf eeyyami" jedhanii deebisan.

38 Iisaanis, "Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhugu, dhuguu yookaan cuuphaa ani cuuphamu, cuuphamuu ni dandeessuu?" jedheen.

39 Isaanis, "Ni dandeenya" jedhanii deebisan.

Iisaanis akkana jedheen; "Xoofoo ani dhugu ni dhugdu; cuuphaa ani cuuphamus ni cuuphamtu; 40 garuu mirga koo yookaan bitaa koo taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra isaaniif jedhamee qopheeffame sanaa ti."

41 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti Yaaʼikuubii fi Yohannisitti aaran. 42 Iisaanis walitti isaan waamee akkana jedhe; "Isin akka warri akka bulchitoota Namoota Ormaatti ilaalaman sun isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu. 43 Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; 44 namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba. 45 Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii."

Iji Barxiimewos Banamuu Isaa

46 Isaanis Yerikoo dhufan. Utuu Iisaan barattoota isaatii fi tuuta namootaa guddaa isaa wajjin Yerikoodhaa baʼaa jiruu, namichi jaamaan Barxiimewos jedhamu ilmi Ximeewos karaa irra taaʼee kadhachaa ture. 47 Barxiimewosis yommuu akka inni Iisaa isa Naazreeti taʼe dhagaʼetti, "Iisaa, yaa ilma Daawud na maari!" jedhee iyyuu jalqabe.

48 Namoonni baayʼeen akka inni calʼisuuf ifatan; inni garuu, "Yaa ilma Daawud na maari!" jedhee ittuma caalchisee iyye.

49 Iisaanis dhaabatee, "Isa waamaa" jedhe.

Isaanis, "Jabaadhu! Kaʼi inni si waamaatii" jedhanii namicha jaamaa sana waaman. 50 Innis wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Iisaa dhufe.

51 Iisaanis, "Akka ani maal siif godhu barbaadda?" jedhee isa gaafate.

Namichi jaamaan sunis, "Yaa barsiisaa, ani arguun barbaada" jedheen.

52 Iisaanis, "Amantiin kee si fayyiseeraa deemi" jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Iisaa duukaa buʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-