Publicidade

Mateus 2

Beektonni Al-Masiihii Daawwatan

1 Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Iisaan magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan; 2 isaanis, "Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra" jedhanii gaafatan.

3 Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte. 4 Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee Al-Masiihiin eessatti akka dhalatu isaan gaafate. 5,6 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; "Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii nabiiʼiyyichi,

" ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa,

ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti;

bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu

si keessaa ni baʼaatii’

jedhee barreesse sanaa dha."

7 Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate. 8 Innis, "Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa" jedhee Beetlihemitti isaan erge.

9 Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme. 10 Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan. 11 Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Mariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif. 12 Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.

Gibxitti Baqachuu Isaanii

13 Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo malaʼikkaan Gooftaa abjuudhaan Yuusufitti mulʼatee, "Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi" jedheen.

14 Kanaafuu Yuusuf kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele; 15 hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin, "Ani Gibxii ilma koo waameera" jedhe sun raawwatamuuf taʼe.

16 Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise. 17 Kanaanis wanni Ermiyaas nabiiʼiyyichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha:

18 "Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko

Raamaa keessaa dhagaʼame;

sababii isaan hin jirreef,

Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti;

jajjabaachuus ni didde."

Naazreetitti Deebiʼuu Isaanii

19 Erga Heroodis duʼee booddee, malaʼikkaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yuusufitti mulʼatee, 20 "Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi" jedheen.

21 Kanaafuu Yuusuf kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe. 22 Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme; 23 achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, "Inni Naaziricha jedhamee ni waamama" jedhamee karaa nabiiʼiyyootaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-