1 Adoonii-Zedeq Mootiin Yerusaalem akka Yushuʼaan Aayin qabatee guutumaan guutuutti barbadeesse, akka inni akkuma Yerikoo fi mootii ishee godhe sana Aayii fi Mootii ishee godhe, akkasumas akka namoonni Gibeʼoon Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa godhatanii isaan bira jiraatan dhagaʼe. 2 Sababii magaalaan Gibeʼoon akkuma magaalaa moototaa tokkootti magaalaa hangafa taateef innii fi namoonni isaa akka malee rifatan; magaalaan Gibeʼoon magaalaa Aayi caalaa guddoo turte; namoonni ishees loltoota jajjaboo turan. 3 Kanaafuu Adoonii-Zedeq mootichi Yerusaalem sun Hoohaam mooticha Kebroonitti, Phiraam mooticha Yarmuutitti, Yaafiiyaa mooticha Laakkiishii fi Debiir mooticha Egloonitti ergee, 4 "Sababii isheen Yushuʼaa fi Israaʼel wajjin walii galtee nagaa godhatteef ol kottaatii Gibeʼoonin waraanuu na gargaaraa" jedheen.
5 Kanaafuu mootonni Amoorotaa shananuu jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yarmuut, mootiin Laakkiishii fi mootiin Egloon humna waraanaa walitti dabalatan. Isaanis loltoota isaanii hunda fudhatanii ol baʼanii Gibeʼoonin marsanii waraanan.
6 Namoonni Gibeʼoonis qubata Gilgaal gara Yushuʼaatti ergaa erganii akkana jedhaniin; "Ati garboota kee hin dhiisin. Dafii nu qaqqabiitii nu oolchi; sababii mootonni Amoorotaa kanneen biyya gaaraa keessa jiraatan hundi nu waraanuuf loltoota walitti dabalataniif nu gargaari."
7 Kanaafuu Yushuʼaan loltoota isaa hunda wajjin, namoota waraanaa jajjabeeyyii hundas dabalatee Gilgaalii ol baʼe. 8 Rabbii Allaahanis Yushuʼaadhaan, "Isaan hin sodaatin; ani harka keetti dabarsee isaan kenneera. Tokkoon isaanii iyyuu fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan" jedhe.
9 Kanaafuu Yushuʼaan Gilgaalii baʼee halkan guutuu deemaa bulee tasuma isaanitti dhufe. 10 Rabbii Allaahanis fuula Israaʼelootaa duratti isaan burjaajesse; Israaʼeloonnis Gibeʼoonitti moʼannaa guddaadhaan isaan moʼatan. Karaa Beet Horoonitti geessu irra isaan ariʼaa hamma Azeeqaa fi Maqeedaatti isaan gogorraʼan. 11 Utuma isaan Israaʼeloota duraa karaa Beet Horooniin gara Azeeqaatti gad baqachaa jiranuu Rabbii Allaahan shamaayʼuniidhaa cabbii gurguddaa itti roobse; warra goraadee Israaʼelootaatiin dhuman caalaa kanneen cabbii kanaan dhumanitu baayʼata.
12 Gaafa Rabbii Allaahan Amoorota dabarsee Israaʼelootatti kenne sana Yushuʼaan fuula Israaʼelootaa duratti Rabbii Allaahan akkana jedhe:
"Yaa aduu, Gibeʼoon gubbaa dhaabadhu;
yaa jiʼa, atis Sulula Ayaaloon gubbaa dhaabadhu."
13 Kanaafuu hamma sabni diinota isaa haaloo baafatutti
aduun idduma jirtu dhaabatte;
jiʼis ni dhaabate;
wanni kun Kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera mitii?
Aduun walakkaa shamaayʼun keessa dhaabattee guyyaa tokko guutuu utuu hin dhiʼin turte. 14 Guyyaan Rabbii Allaahan nama dhagaʼe kan akkasii gaafasiin dura yookaan ergasii takkumaa taʼee hin beeku. Rabbii Allaahan dhugumaan Israaʼeliif lolaa ture!
15 Ergasii Yushuʼaan Israaʼeloota hunda wajjin qubata Gilgaal jiru sanatti deebiʼe.
16 Mootonni shanan sun baqatanii holqa Maqeedaa keessatti dhokatanii turan. 17 Akka mootonni shanan holqa Maqeedaa keessatti dhokatan Yushuʼaatti himame; 18 innis akkana jedhe; "Dhagaa guddaa isaa afaan holqa sanaatti gangalchaatii akka isaan eeganiif namoota achitti ramadaa. 19 Isin diinota keessan ariʼaatii karaa dugda duubaatiin rukutaa malee hin dhaabatinaa! Sababii Rabbii Allaahan keessan dabarsee harka keessanitti isaan kenneef akka isaan magaalaawwan isaanii seenan hin godhinaa."
20 Kanaafuu Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hamma namni muraasni hafutti guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Warri hafan immoo magaalaawwan isaanii kanneen jajjabeeffamanii ijaaramanitti galan. 21 Loltoonni hundi nagumaan gara qubata Maqeedaa gara Yushuʼaatti deebiʼan; namni tokko iyyuu afaan isaa Israaʼelootatti hin bananne.
22 Yushuʼaanis, "Mee afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan sana gad naa baasaa" jedhe. 23 Isaanis mootota shanan sana jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yarmuut, mootii Laakkiishii fi mootii Egloon holqa keessaa baasanii fidan. 24 Yommuu isaan mootota kana shanan Yushuʼaatti fidan, inni namoota Israaʼel hunda walitti waamee ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin dhufaniin, "Kottaatii miilla keessaniin morma mootota kanneenii irra ejjadhaa" jedhe. Isaanis gara fuula duraatti baʼanii miilla isaaniitiin morma mootota sanaa irra ejjetan.
25 Yushuʼaan, "Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Jabaadhaa; cimaas. Wanni Rabbii Allaahan diinota isin loluuf deemtan hunda irratti godhuuf jirus kanuma" jedheen. 26 Yushuʼaan ergasii mootota sana dhaʼee ajjeesee mukkeen shan irratti isaan fannise; isaanis hamma lafti galgalooftutti akkuma muka irratti fannifamanitti turan.
27 Yeroo aduun dhiitetti Yushuʼaan ajaja kenne; jarris mukkeen irraa gad isaan buusanii holqa isaan keessa dhokatanii turan sanatti isaan daddarbatan. Afaan holqa sanaa irras dhagaa gurguddaa hamma guyyaa harʼaatti illee achuma jiru naqan.
28 Yushuʼaanis guyyuma sana Maqeedaa qabate. Innis magaalaa sanaa fi mootii ishee goraadeedhaan dhaʼee nama achi keessa jiru hunda fixe. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Mootii Maqeedaas akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
29 Yushuʼaa fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Maqeedaadhaa baʼanii dhaqanii Libnaa lolan. 30 Rabbii Allaahanis magaalaa sanaa fi mootii ishee dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne. Yushuʼaan magaalattii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixe. Inni nama tokko illee achitti hin hambifne. Mootii ishee illee akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
31 Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin Libnaadhaa kaʼanii Laakkiish dhaqan; isaanis magaalaa sana marsanii waraanan. 32 Rabbii Allaahanis Laakkiish dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne; Yushuʼaanis guyyaa lammaffaatti ishee qabate. Akkuma Libnaa godhe sana magaalaa sanaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixe. 33 Yeroo sanatti Hooraam mootichi Geezir, Laakkiish gargaaruudhaaf dhufee ture; Yushuʼaan garuu isaa fi loltoota isaa ni moʼate; namni tokko iyyuu hin hafne.
34 Ergasiis Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hundi Laakkiishii kaʼanii gara Egloon dhaqan; marsaniis ishee waraanan. 35 Guyyuma sana ishee qabatanii akkuma Laakkiish godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan.
36 Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hundis isa wajjin Egloonii kaʼanii gara Kebroonitti ol baʼanii ishee waraanan. 37 Isaanis magaalattii qabatanii mootii ishee, gandoota isheetii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Egloon godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
38 Ergasiis Yushuʼaa fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin of irra deebiʼanii Debiirin dhaʼan. 39 Isaanis magaalattii, mootii isheetii fi gandoota ishee qabatanii goraadeedhaan fixan. Namoota ishee keessa jiraatan hundas guutumaan guutuutti fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Libnaa, mootii isheetii fi Kebroon godhan sana Debiirii fi mootii ishee godhan.
40 Yushuʼaanis akkasiin guutummaa biyya sanaa, biyya gaaraa, Negeebi, biyya gammoojjii, tabbawwan tulluutii fi mootota isaanii hundas moʼate. Inni akkuma Rabbii Allaahan Israaʼel ajajetti waan hafuura baafatu hunda guutumaan guutuutti balleesse malee nama tokko illee hin hambifne. 41 Yushuʼaan Qaadesh Barnee irraa jalqabee hamma Gaazaatti, guutummaa biyya Gooshen hamma Gibeʼoonitti qabate. 42 Sababii Rabbii Allaahan Israaʼel Israaʼeliif loleef Yushuʼaan mootota kanneenii fi lafa isaanii loluma tokkoon moʼate.
43 Ergasii Yushuʼaan Israaʼeloota hunda wajjin gara qubata Gilgaalitti deebiʼe.