1 Mootonni Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa kanneen gama lixa Yordaanos biyya gaaraa, lafa gammoojjiitii fi qarqara Galaana Guddichaa kan hamma Libaanoonitti jiru keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti, 2 Yushuʼaa fi Israaʼelitti waraana banuuf walitti qabaman.
3 Namoonni Gibeʼoon garuu yommuu waan Yushuʼaan Yerikoo fi Aayi godhe dhagaʼanitti, 4 isaanis gama isaaniitiin daba hojjechuuf mariʼatan; isaanis nama karaa deemu fakkaatanii keeshaa moofaʼee fi qalqalloo daadhii wayinii kan dulloomee tarsaʼee erbame harree isaaniitti feʼatanii qajeelan. 5 Kophee moofaʼee erbame miillatti kaaʼatanii wayyaa moofaʼe uffatan. Buddeenni isaan fudhatanii deeman hundis goggogaa fi kan arraaʼee ture. 6 Isaanis qubata Gilgaalitti Yushuʼaa bira dhaqanii isaa fi namoota Israaʼeliin, "Nu biyya fagoodhaa dhufne; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa" jedhan.
7 Namoonni Israaʼel immoo Hiiwotaan, "Tarii isin asuma nutti dhiʼoo jiraattu taʼa; yoos nu akkamiin isin wajjin walii galtee godhachuu dandeenya ree?" jedhan.
8 Isaan garuu Yushuʼaadhaan, "Nu garboota kee ti" jedhan.
Yushuʼaanis, "Isin eenyuu dha? Eessaa dhuftani?" jedhee isaan gaafate.
9 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; "Nu garboonni kee sababii maqaa Rabbii Allaah keetii dhageenyeef biyya akka malee fagootii dhufne. Nu oduu waaʼee isaatii fi waan inni biyya Gibxii keessatti hojjete hundumaa dhageenyeerraatii; 10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan warra gama baʼa Yordaanos jiraatan jechuunis Sihoon mootii Heshboonii fi Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture sana godhe hundumaa dhageenyeerra. 11 Maanguddoonni keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundinuu, ‘Karaa keessaniif waan nyaattan harkatti qabadhaatii isaan arguu dhaqaa, "Nu garboota keessanii dha; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa" jedhaanii’ nuun jedhan. 12 Buddeenni keenya kun gaafa nu hidhannee gara keessan dhufuuf manaa baane hoʼaa ture. Amma garuu akka inni goggogee arraaʼe argaa. 13 Qalqalloon nu daadhii wayinii itti guutanne kunis haaraa ture; amma garuu akka inni tatarsaʼe ilaalaa. Uffanni keenyaa fi kopheen keenyas deemsa karaa dheeraa kanaan nu jalaa dhumeera."
14 Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee Rabbii Allaah gorsa hin gaafanne. 15 Yushuʼaanis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan.
16 Warri Israaʼel immoo erga Gibeʼoonota wajjin walii galtee godhatan guyyaa sadii booddee akka jarri warra naannoo isaanii kanneen isaanitti dhiʼoo jiraatan taʼan dhagaʼan. 17 Kanaafuu Israaʼeloonni kaʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalaa isaanii jechuunis gara Gibeʼoon, Kefiiraa, gara Biʼeerootii fi Kiriyaati Yeʼaariim dhufan. 18 Israaʼeloonni garuu sababii hooggantoonni waldaa maqaa Rabbii Allaah Israaʼeliitiin isaaniif kakatanii turaniitiif isaan hin tuqne.
Waldaan sun guutuunis hooggantootatti guungume; 19 hooggantoonni hundi garuu akkana jedhanii deebisan; "Nu Rabbii Allaah Israaʼeliin isaanii kakanneerra; kanaafuu nu amma isaan tuquu hin dandeenyu. 20 Wanni nu isaan goonu kana: Akka kakuu isaanii kakanne sana cabsinee dheekkamsi nurra hin buuneef akka isaan jiraataniif ittuma dhiifna." 21 Hooggantoonni sunis ittuma fufanii, "Jarri haa jiraatan; garuu guutummaa sabaatiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban haa taʼan" jedhan. Akkasiinis kakuun hooggantoonni isaaniif galan sun ni eegame.
22 Yushuʼaanis Gibeʼoonota ofitti waamee akkana jedheen; "Isin maaliif utuma nutti dhiʼoo jiraattanuu, ‘Nu biyya isin irraa fagoo taʼe keessa jiraanna’ jettanii nu gowwoomsitan? 23 Isin amma abaarsa jala jirtu; tokkoon keessan iyyuu mana Allaah kootiif muka muruu fi bishaan waraabuu jalaa hin baatan."
24 Isaanis akkana jedhanii Yushuʼaaf deebii kennan; "Akka Rabbii Allaahan kee akka Muusaan biyyaattii guutuu isinii kennuu fi akka inni warra achi jiraatan hunda fuula keessan duraa balleesuuf garbicha isaa Muusaa ajaje nu garboota keetti dhugumaan himameera. Kanaafuu nu sababii keessaniif jennee lubbuu keenyaaf sodaanne; wanni nu waan kana gooneefis kanuma. 25 Nu kunoo amma harka kee keessa jirra. Atis waan gaarii fi qajeelaa seete hundumaa nurratti raawwadhu."
26 Kanaafuu Yushuʼaan Israaʼeloota duraa isaan baase; Israaʼeloonnis isaan hin ajjeefne. 27 Innis guyyuma sana Gibeʼoonota sana saba hundaaf, akkasumas iddoo Rabbii Allaahan filatutti iddoo aarsaa Rabbii Allaahatiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban isaan godhe. Isaanis hamma harʼaatti kanuma hojjetu.