Publicidade

Josué 4

1 Rabbii Allaahanis erga sabni guutuun Yordaanosin ceʼee booddee, Yushuʼaadhaan akkana jedhe; 2 "Saba keessaa nama kudha lama, tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhuutii 3 akka isaan walakkaa Yordaanos keessaa iddoo luboonni dhadhaabatan sanaa dhagoota kudha lama fuudhanii, baatanii isin wajjin deemanii iddoo isin edana bultanitti lafa kakaaʼan itti himi."

4 Kanaafis Yushuʼaan, namoota kudha lamaan Israaʼeloota keessaa, tokkoo tokkoo gosaa keessaa tokko tokko filate sana walitti waamee 5 akkana jedheen; "Taabota Rabbii Allaah keessanii kana dura darbaatii walakkaa Yordaanos seenaa. Tokkoon tokkoon keessanis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagaa tokko tokko fudhattanii gatiittii keessanitti baachuu qabdu. 6 Kunis akka wanni kun gidduu keessanitti mallattoo taʼuuf. Yommuu ijoolleen keessan gara fuulduraatti, ‘Dhagoonni kunneen maal argisiisu?’ jedhanii isin gaafatanitti, 7 akka bishaan laga Yordaanos fuula taabota kakuu Rabbii Allaah duratti gargar cite itti himaa. Yommuu taabonni kun laga Yordaanos ceʼetti bishaan Yordaanos gargar cite. Dhagaawwan kunneenis saba Israaʼeliif yaadannoo bara baraa taʼu."

8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Yushuʼaan isaan ajaje godhan. Isaanis akkuma Rabbii Allaahan Yushuʼaatti hime sana, akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagoota kudha lama walakkaa Yordaanos keessaa fuudhan; hamma iddoo qubata isaaniittis baatanii achitti lafa kaaʼatan. 9 Yushuʼaanis dhagoota kudha lamaan walakkaa Yordaanos keessa iddoo luboonni taabota kakuu baatan sun ijaajjaa turan sana ol dhadhaabe. Isaanis hamma harʼaatti achuma jiru.

10 Luboonni taabota kakuu baatan sunis hamma wanni Rabbii Allaahan akka inni namootatti himuuf Yushuʼaa ajaje hundi akkuma Muusaan Yushuʼaa ajajetti raawwatamutti walakkaa Yordaanos keessa dhadhaabachaa turan. Namoonnis dafanii ceʼan; 11 akkuma hundi isaanii ceʼaniinis utuma namoonni arganuu taabonni Rabbii Allaahatii fi luboonni gara gama kaaniitti ceʼan. 12 Ilmaan Ruubeen, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Muusaan isaan ajajetti miʼa lolaa hidhatanii Israaʼeloota dura gara gamaatti ceʼan. 13 Namni gara kuma afurtamaa taʼu warraanaaf hidhatee fuula Rabbii Allaah dura gara dirree Yerikootti lolaaf ceʼe.

14 Rabbii Allaahanis guyyaa sana fuula Israaʼeloota hundaa duratti Yushuʼaa nama guddaa godhe; isaanis akkuma Muusaaf ulfina kennaa turan sana bara jireenya isaa guutuu Yushuʼaafis ulfina kennan.

15 Ergasiis Rabbii Allaahan Yushuʼaadhaan akkana jedhe; 16 "Akka isaan Yordaanos keessaa ol baʼaniif luboota taabota kakuu seeraa baatan sana ajaji."

17 Kanaafuu Yushuʼaan, "Yordaanos keessaa ol baʼaa" jedhee luboota ajaje.

18 Luboonnis taabota kakuu Rabbii Allaah baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe.

19 Guyyaa kurnaffaa jiʼa jalqabaatti namoonni Yordaanos keessaa ol baʼanii Gilgaal isa baʼa daarii Yerikoo keessa qubatan. 20 Yushuʼaanis dhagoota kudha lamaan isaan Yordaanos keessaa fuudhan sana Gilgaal keessa dhadhaabe. 21 Innis Israaʼelootaan akkana jedhe; "Gara fuulduraatti yoo sanyiin keessan, ‘Dhagaawwan kunneen maal argisiisu?’ jedhanii abbootii isaanii gaafatan, 22 ‘Israaʼel lafa gogaa irra Yordaanos ceʼe’ jedhaa itti himaa. 23 Rabbii Allaahan keessan hamma isin gamatti ceetanitti fuuluma keessan duratti Yordaanos gogsee tureetii. Rabbii Allaahan keessan akkuma hamma nu ceenutti Galaana Diimaa fuula keenya duratti gogse sana Yordaanosiinis gogse. 24 Innis akka sabni lafaa hundinuu akka harki Rabbii Allaah jabaa taʼe argisiisuu fi akka isinis yeroo hunda Rabbii Allaah keessan sodaattaniif waan kana hojjete."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-