1 Gosti Minaasees qooda argatte; inni ilma Yuusuf hangafa tureetii. Maakiir ilmi Minaasee hangaftichi abbaan Giliʼaadotaa sun sababii loltuu jabaa taʼeef Giliʼaadii fi Baashaan isaaf kennaman. 2 Kanaafuu qoodni kun saba Minaasee warra hafaniif jechuunis balbala Abiiʼezer, Heleq, Asriiʼeel, Sheekem, Heeferii fi Shemiidaaf kenname. Kunneenis balbala balbala isaaniitiin ilmaan Minaasee ilma Yuusuf kanneen biraa ti.
3 Zelofehaad ilmi Heefer, ilmi Giliʼaad, ilma Maakiir, ilmi Minaasee sun intallan malee ilmaan hin qabu ture. Maqaan intallan isaas Mahilaa, Nuuhii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa. 4 Isaanis gara Eleʼaazaar lubichaa, gara Yushuʼaa ilma Nuunitii fi gara hooggantootaa dhaqanii "Rabbii Allaahan akka inni obboloota keenya gidduutti dhaala nuu kennuuf Muusaa ajajeera" jedhan. Kanaafuu Yushuʼaan akkuma ajaja Rabbii Allaahatti obboloota abbaa isaanii wajjin dhaala kenneef. 5 Minaaseen Giliʼaadii fi Baashaan keessaa gama baʼa Yordaanositti lafa iddoo kudhanitti hiramu qaba ture. 6 Kunis sababii intallan gosa Minaasee sun ilmaan dhiiraa gidduutti qooda argataniif. Lafti Giliʼaad ilmaan Minaasee kanneen hafaniif kennamte.
7 Daangaan gosa Minaasee Aasheerii kaʼee hamma Mikmetaati kan karaa baʼa Sheekem jirtu sanaatti balʼata. Daangaan sunis achii kaʼee kibbaan gad buʼee saba Een Tafuuʼaa keessa jiraatus dabalata. 8 Biyyi Tafuuʼaa kan Minaasee turte; Tafuuʼaan mataan ishee garuu karaa daangaa Minaaseetiin kan ilmaan Efreem turte. 9 Daangaan sun karaa kibbaatiin ittuma fufee Laga Qaanaa bira gaʼa. Magaalaawwan Efreem kanneen magaalaawwan Minaasee gidduutti argamanitu ture; daangaan Minaasee garuu Kaaba lagichaa irra darbee galaana bira gaʼee dhaabata. 10 Biyyi sun karaa kibbaatiin kan gosa Efreemiiti; karaa kaabaatiin immoo kan gosa Minaasee ti. Biyyi Minaasee hamma galaanaatti deemee karaa kaabaatiin Aasheerin, karaa baʼaatiin immoo Yisaakorin daangeessa.
11 Minaaseenis Yisaakorii fi Aasheer keessaa Beet Sheʼaan, Yibleʼaamii fi saba Door, Eendoor, Taʼanaakii fi Megidoo qubatawwan naannoo isaanii jiran wajjin qaba ture; sadaffaan immoo Naafootii dha.
12 Taʼus sababii Kanaʼaanonni biyya sana jiraachuuf kutatanii turaniif gosti Minaasee magaalaawwan kanneen qabachuu hin dandeenye. 13 Garuu Israaʼeloonni yommuu jabina argachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan malee Kanaʼaanota achii hin baafne.
14 Namoonni Yuusufis Yushuʼaadhaan, "Ati maaliif ixaa tokkoo fi qooda tokko qofa dhaala nuu kennite? Nu saba akka malee baayʼee fi saba Rabbii Allaahan guddisee eebbisee dha" jedhan.
15 Yushuʼaanis, "Yoo isin akka malee baayʼattanii biyyi gaaraa Efreem kun isinitti dhiphatte bosona seenaatii biyya Feerzotaatii fi Refaayimootaa keessatti iddoo jireenyaa qopheeffadhaa" jedhee deebiseef.
16 Namoonni Yuusufis, "Biyyi gaaraa kun nu hin gaʼu; Kanaʼaanonni lafa diriiraa irra jiraatan hundi, warri Beet Sheʼaanii fi qubatawwan ishee akkasumas warri Sulula Yizriʼeel keessa jiraatan hundi gaariiwwan sibiilaa qaban" jedhanii deebisan.
17 Yushuʼaan garuu mana Yuusufiin jechuunis Efreemii fi Minaaseedhaan akkana jedhe; "Isin saba akka malee baayʼee kan humna guddaa qabuu dha. Ixaa tokko qofa hin qabaattan. 18 Biyya gaaraa kan bosonaa garuu ni qabaattu; bosona ciraa; biyyattiinis hamma qarqara daangaa isheetti kanuma keessan taati; Kanaʼaanonni yoo gaariiwwan sibiilaa qabaatanii jajjaboo taʼanis isin ariitanii isaan baasuu dandeessu."