10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan Waaqayyoon kadhatte. 11 Akkanas jettee wareegde; "Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa Waaqayyoof nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu."
12 Yeroo Haannaan ittuma fuftee fuula Waaqayyoo duratti kadhachaa turtettis Eeliin afaan ishee ilaalaa ture. 13 Haannaanis garaa isheetti kadhachaa turte; hidhii isheetu sochoʼa malees sagaleen ishee hin dhagaʼamu ture. Kanaafuu Eeliin waan isheen machoofte seʼee, 14 "Ati hamma yoomiitti machoofta? Daadhii wayinii kee of irraa fageessi" jedheen.
15 Haannaanis akkana jettee deebifte; "Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. 16 Ati garbittii kee akka dubartii faayidaa hin qabne tokkootti hin ilaalin. Ani sababii dhiphinaa fi gadda koo guddaa sanaatiif hamma ammaatti kadhachaara."
17 Eeliinis, "Nagaan deemi; Waaqni Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu" jedhee deebiseef.
18 Isheenis, "Garbittiin kee fuula kee duratti surraa haa argattu" jette. Ergasiis deemsa ishee itti fufte; nyaata ni nyaatte; gaddis fuula ishee irratti hin mulʼanne.
19 Isaanis guyyaa itti aanu ganama barii kaʼanii fuula Waaqayyoo duratti sagadanii gara mana isaanii Raamaatti deebiʼan. Elqaanaan niitii isaa Haannaa bira gaʼe; Waaqayyos ishee yaadate. 20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, "Ani Waaqayyo irraa isa kadhadheeraatii" jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.