11 Saamuʼeel, "Ati maal gochuu kee ti?" jedhee gaafate.
Saaʼolis deebisee akkana jedhe; "Ani yeroon akka sabni bibittinnaaʼe, akka ati yeroo murteeffametti hin dhufinii fi akka Filisxeemonni Mikmaasitti walitti qabaman argetti, 12 ‘Filisxeemonni Gilgaalitti natti dhufan; anis surraa Waaqayyoo hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaafuu aarsaa gubamu dhiʼeessuun dirqama natti taʼe."