11 Innis, "Ilmaan kee hundi kanneenumaa?" jedhee Isseeyin gaafate.
Isseeyis, "Quxxisuun hunda isaanii tokko jira; inni garuu hoolota tiksaa jira" jedhe.
Saamuʼeelis, "Nama itti ergiitii isa fichisiisi; nu hamma inni dhufutti hin teenyuutii" jedhe.
12 Kanaaf Isseeyi nama itti ergee isa fichisiise. Innis diimaa, nama iji isaa miidhaguu fi nama dhaaba tolu ture.
Waaqayyos, "Kaʼii isa dibi; inni ani filadhe isa kanaatii" jedhe.
13 Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawit irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.