Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamuʼeel 19

11 Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawititti namoota erge. Miikaal niitiin Daawit garuu, "Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta" jettee akeekkachiifte. 12 Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawitin gad buufte; innis baqatee miliqe. 13 Ergasii Miikaal fakkii Waaqa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.

14 Yeroo Saaʼol Daawitin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, "Inni dhukkubsateera" jette.

15 Saaʼol akka isaan Daawitin ilaalaniif deebisee namoota ergee, "Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa" isaaniin jedhe. 16 Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin Waaqa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.

17 Saaʼolis Miikaaliin, "Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?" jedhe.

Miikaalis, "Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe" jetteen.

18 Daawitis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também