Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamuʼeel 2

Kadhannaa Haannaa

1 Haannaanis akkana jettee kadhatte:

"Garaan koo Waaqayyotti ni gammada;

gaanfi koos Waaqayyoon ol kaafama.

Afaan koos diinota koo irratti of jaja;

ani fayyisuu keetti nan gammadaatii.

2 "Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru;

si malees eenyu iyyuu hin jiru;

kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.

3 "Of jajuudhaan hin dubbatinaa;

yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin;

Waaqayyo Waaqa beekaadhaatii;

hojiiwwanis isaan madaalamu.

4 "Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru;

namoonni dadhaboon garuu humna hidhataniiru.

5 Warri quufanii turan buddeenatti of gurguraniiru;

warri beelaʼanii turan garuu siʼachi hin beelaʼan.

Isheen dhabduu turte ijoollee torba deesse;

isheen ijoollee baayʼee qabdu immoo ni dhabde.

6 "Waaqayyo ni ajjeesa; ni fayyisas;

siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa.

7 Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas;

ni salphisa; ni ulfeessas.

8 Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa;

rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;

inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa;

barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa.

"Hundeewwan lafaa kan Waaqayyoo ti;

inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.

9 Inni miilla qulqulloota isaa ni eega;

namoonni hamoon garuu dukkana keessatti calʼisu.

"Namni jabina isaatiin hin moʼatu;

10 warri Waaqayyoon morman ni caccabsamu.

Inni samiidhaa isaanitti qaqawweessaʼa.

Waaqayyo daarii lafaatti ni murteessa.

"Inni mootii isaatiif jabina ni kenna;

gaanfa dibamaa isaa illee ol ni kaasa."

Veja também