Daawit Gara Gaatitti Baqate
10 Daawit gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe. 11 Tajaajiltoonni Aakiish garuu, "Daawit kun mooticha biyyattii mitii?" Inni kan isaan:
" ‘Saaʼol kumaatama ajjeese;
Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’
jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?"
12 Daawitis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate. 13 Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe.
14 Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; "Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan? 15 Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?"