Pular para o conteúdo
Publicidade

1 ሳሙኤል 21:10-15

ONOCV New Oromo Contemporary Version

ዳዊት ገረ ጋትት በቀቴ

10 ዳዊት ጋፈስ ሳኦል ዱራ በቀቴ ገረ ኣኪሽ ሞትቸ ጋት ዸቄ። 11 ተጃጅልቶትን ኣኪሽ ገሩ፣ "ዳዊት ኩን ሞትቸ ብየቲ ምቲ?" እን ከን እሳን፦

" ‘ሳኦል ኩማተመ አጄሴ፤

ዳዊትሞ ኩመ ኩማተመ አጄሴ’

ጄዸኒ ፋርፈተኒ ስርበኒፍ ሰነ ምቲ?"

12 ዳዊትስ ዋን ከነ ገራት ቀበቴ ኣኪሽ ሞትቸ ጋት አከ መሌ ሶዳቴ። 13 ከናፉ ፉለሳኒ ዱረት አከ ዋን መራቴ ተኤ፤ ኡቱመ ሀርከሳኒ ኬሰ ጅሩስ ጩፋ ከራ ሆቄ አሬደሳረ ጎሮረ ያሴ አከ ነመ መራቴ ኦፍ ጎዼ።

14 ኣኪሽስ ተጃጅልቶተሳቲን አከነ ጄዼ፤ "ሜ ነምቸ ከነ እላላ! እን መራቱዸ! ማሊፍ ገረኮ እሰ ፍደን? 15 አከ እን ፉለኮ ዱረት አከነ ተኡፍ እሰ አስ ፍዱንኬሰን አን ነመ መራቴ ዸቤቲ? ነምች ኩን መነኮ ዹፉ ቀባ?"

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    10 Daawit gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe. 11 Tajaajiltoonni Aakiish garuu, "Daawit kun mooticha biyyattii mitii?" Inni kan isaan:

    " ‘Saaʼol kumaatama ajjeese;

    Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’

    jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?"

    12 Daawitis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate. 13 Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe.

    14 Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; "Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan? 15 Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?"

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    10 Daawud gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe. 11 Tajaajiltoonni Aakiish garuu, "Daawud kun mooticha biyyattii mitii?" Inni kan isaan:

    " ‘Saaʼol kumaatama ajjeese;

    Daawud immoo kuma kumaatama ajjeese’

    jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?"

    12 Daawudis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate. 13 Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe.

    14 Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; "Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan? 15 Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?"

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.