23 Abiigayiil yeroo Daawitin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawit duratti lafatti gombifamtee sagadde. 24 Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: "Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi.
Publicidade