6 Harki Waaqayyoo saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe. 7 Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, "Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu" jedhan. 8 Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Waaqa Israaʼel maal gochuu qabna?" jedhanii isaan gaafatan.
Isaanis, "Taabota Waaqa Israaʼel gara Gaati geessaa!" jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Waaqa Israaʼel achii baasan.
9 Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Waaqayyoo magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe. 10 Kanaafuu taabota Waaqaa gara Eqroonitti ergan.
Akkuma taabonni Waaqaa Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, "Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Waaqaa nutti fiddan" jedhanii iyyan. 11 Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Waaqa Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa" jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Waaqaas akka malee itti jabaatee ture.