Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Samuel 6

Taabonni Gara Israaʼelitti Deebiʼe

1 Taabonni Waaqayyoos Filisxeem keessa jiʼa torba ture. 2 Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, "Taabota Waaqayyoo maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa" jedhaniin.

3 Isaanis deebisanii, "Yoo taabota Waaqa Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu" jedhaniin.

Veja também