15 Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu. 16 Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. 17 Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna. 18 Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.
Publicidade