Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Coríntios 1

Waaqa Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu

3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; 4 inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa. 5 Akkuma nu dhiphina Kiristoos keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Kiristoosiin jajjabinni nuu baayʼata. 6 Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha. 7 Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii.

Veja também