Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Coríntios 5

Tajaajila Araaraa

11 Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Waaqa biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha. 12 Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif. 13 Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana "qalbii dabarsine," Waaqaaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti. 14 Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. 15 Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.

16 Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu. 17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. 18 Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; 19 kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. 20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna. 21 Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Veja também