Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Qorontos 5

17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. 18 Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; 19 kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. 20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna. 21 Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também