8 Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti. 9 Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
10 Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
11 Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu; 12 kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa. 13 Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.