Bishaan Fayyifame
19 Namoonni magaalaa sanaa Elsaaʼiin, "Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu" jedhan.
20 Innis, "Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa" jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan.
21 Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; "Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’ " 22 Bishaan sunis akkuma dubbii Elsaaʼi dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera.