Zayitii Haadha Hiyyeessaa Tokkoo
1 Niitiin namicha ilmaan raajotaa keessaa tokko taʼe tokkoo sagalee ol fudhattee Elsaaʼiin akkana jette; "Dhirsi koo garbichi kee duʼeera; akka inni Waaqayyoon sodaachaa ture atuu ni beekta. Namichi liqii isa irraa qabu tokko garuu amma ilmaan koo lamaan fudhatee garboomfachuuf dhufaa jira."
2 Elsaaʼis, "Ani akkamittin si gargaaruu dandaʼa? Mee natti himi; mana kee keessaa maal qabdaa?" jedheen.
Isheenis, "Garbittiin kee zayitii xinnoo tokko malee homaa manaa hin qabdu" jettee deebifte.
3 Elsaaʼi akkana jedheen; "Dhaqiitii warra ollaa keetii hunda okkotee duwwaa hedduu kadhadhu. Muraasa hin kadhatin. 4 Ergasii ol galiitii ofii keetii fi ilmaan keetti balbala cufi. Okkotee hundatti zayitii naqiitii yommuu tokkoon tokkoon isaa guutamutti jalaa hiiqsi."
5 Isheenis isa biraa deemtee ofii isheettii fi ilmaan isheetti balbala cufte. Ilmaan ishee okkotee gara isheetti fidan; isheen immoo zayitii itti naqaa turte. 6 Okkoteen hundi guutamnaan isheen ilma isheetiin, "kan biraa naaf fidi" jette.
Inni immoo, "Okkoteen tokko iyyuu hin hafne" jedhee deebiseef. Kana irratti zayitiin sun yaaʼuu dhiise.
7 Isheen dhaqxee nama Waaqaa sanatti himte; innis, "Dhaqii zayitii sana gurguriitii liqii kee baafadhu. Atii fi ilmaan kee waan hafeen jiraachuu ni dandeessu" jedhe.