Naʼamaan Lamxii Irraa Fayyifame
1 Naʼamaan ajajaa loltoota mooticha Sooriyaa ture. Sababii Waaqayyo karaa isaatiin warra Sooriyaatiif mooʼicha kenneef inni fuula gooftaa isaa duratti nama guddaa akka malee ulfina qabu ture. Inni loltuu jagna; garuu lamxii qaba ture.
2 Bara sana keessa tuunni loltoota Sooriyaa dhaqee intala dargaggeettii gosa Israaʼel tokko boojiʼe; isheenis niitii Naʼamaan tajaajilaa turte. 3 Isheenis giiftii isheetiin, "Gooftaan koo utuu raajicha Samaariyaa jiru sana bira dhaqee silaa inni lamxii sana irraa isa fayyisa ture!" jette.
4 Naʼamaan dhaqee waan intalli Israaʼel jetteen sana gooftaa isaatti ni hime. 5 Mootiin Sooriyaas, "Waan fedhe illee taanaan ati dhaqi; ani mootii Israaʼelitti xalayaa nan barreessaatii" jedhee deebiseef. Kanaafuu Naʼamaan meetii taalaantii kudhan, warqee saqilii kuma jaʼaa fi uffata irraa jalaa kudhan fudhatee qajeele. 6 Xalayaan inni mootii Israaʼelitti geesse sun akkana jedha; "Ani akka ati lamxii irraa isa fayyiftuuf xalayaa kana wajjin tajaajilaa koo Naʼamaanin sitti ergeera."
7 Mootiin Israaʼelis akkuma xalayaa sana dubbiseen uffata ofii tarsaasee akkana jedhe; "Ani Waaqaa? Ani nama ajjeesuu fi deebisee jiraachisuu nan dandaʼaa? Namichi kun maaliif akka lamxiin isaa fayyuuf nama natti erga? Mee akka inni lola natti kaasuu barbaadu ilaalaa!"
8 Elsaaʼi namni Waaqaa sun akka mootiin Israaʼel uffata isaa tarsaase dhageenyaan ergaa itti ergee, "Ati maaliif uffata kee tarsaafte? Namicha sana natti ergi; innis akka Israaʼel keessa raajiin jiru ni beekaatii" jedheen. 9 Kanaafuu Naʼamaan fardeen isaatii fi gaariiwwan isaa fudhatee dhaqee balbala mana Elsaaʼi dura dhaabate. 10 Elsaaʼi immoo, "Dhaqii Yordaanos keessatti yeroo torba dhiqadhu; foon kee fayyee akka duraatti siif deebiʼa; atis ni qulqullooftaa" jedhee nama itti erge.
11 Naʼamaan garuu aariidhaan kaʼee biraa deemee akkana jedhe; "Ani waan inni dhugumaan gara koo dhufee dhaabatee maqaa Waaqayyo Waaqa isaa waamee iddoo sana irra harka isaa qabee lamxii koo fayyisun seʼe. 12 Abaanaa fi Faarfaan lageen Damaasqoo sun bishaanota Israaʼel keessaa kam iyyuu hin caalanii? Ani isaan keessatti dhiqadhee fayyuu hin dandaʼu turee?" Kanaafuu inni akka malee aaree of irra garagalee deeme.
13 Tajaajiltoonni Naʼamaanis gara isaa dhaqanii, "Yaa abbaa ko, ati utuu raajiin kun waan guddaa tokko hojjedhu siin jedhee ni hojjetta mitii? Yoo inni, ‘Dhiqadhuutii qulqullaaʼi’ siin jedhe immoo hammam caalchiftee hin hojjettu ree?" jedhaniin. 14 Kanaafuu inni dhaqee akkuma namni Waaqaa sun jedheenitti yeroo torba Yordaanos keessa seenee baʼe; dhagni isaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeefii akkuma dhagna mucaa xinnaa tokkootti qulqullaaʼeef.