Qottoon Bishaan Irra Deeme
1 Ilmaan raajotaa sun Elsaaʼiin akkana jedhan; "Kunoo, iddoon nu si wajjin wal geenyu nutti dhiphateera. 2 Akka nu Yordaanos dhaqnee tokkoon tokkoon keenya muka cirannee iddoo jiraannu achitti ijaarrannuuf nuu eeyyami."
Innis, "Dhaqaa" jedheen.
3 Isaan keessaa namni tokko, "Maaloo ati nu garboota kee wajjin hin deemtuu?" jedhee gaafate.
Elsaaʼi immoo, "Nan deema" jedhee deebise. 4 Innis isaan wajjin deeme.
Isaan Yordaanos dhaqanii muka cirachuu jalqaban. 5 Isaan keessaa tokko utuu muka muruutti jiruu qottoon muka isaa irraa buqqaʼee bishaan keessa buʼe. Namichi sunis, "Wayyoo kaa, yaa gooftaa koo; wanni kun waan ergifatamee dha!" jedhee iyye.
6 Namni Waaqaa sunis "Qottoon eessa buʼe?" jedhee gaafate. Yommuu inni iddoo qottoon sun buʼe isa argisiisetti Elsaaʼi muka xinnaa tokko kutee achi keessa buusee akka sibiilli sun bishaan gubbaa deemu godhe. 7 Innis, "Ol fudhadhu" jedheen. Namichi sunis harka diriirfatee qottoo isaa fudhate.