15 Yommuu tajaajilaan nama Waaqaa sanaa guyyaa itti aanu ganama bariin gad baʼetti humni waraanaa tokko fardeenii fi gaariiwwaniin magaalaa sana marsee ture. Tajaajilaan sunis, "Wayyoo kaa, yaa gooftaa ko, maal goonu?" jedhee gaafate.
16 Raajiin sun immoo, "Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii" jedhee deebise.
17 Elsaaʼis, "Yaa Waaqayyo, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif" jedhee kadhate. Waaqayyos ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.