7 Naataanis Daawitiin akkana jedhe; "Namichi sun suma! Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera. 9 Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii Waaqayyoo tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte.
13 Kana irratti Daawit Naataaniin, "Ani Waaqayyotti cubbuu hojjedheera" jedhe.
Naataan immoo deebisee akkana jedhe; "Waaqayyo cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu.