7 Naataanis Daawudiin akkana jedhe; "Namichi sun suma! Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera. 9 Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii Rabbii Allaah tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte.
13 Kana irratti Daawud Naataaniin, "Ani Rabbii Allaahatti cubbuu hojjedheera" jedhe.
Naataan immoo deebisee akkana jedhe; "Rabbii Allaahan cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu.