1 Daawud yommuu Rabbii Allaahan harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Rabbii Allaahaf faarfate. 2 Innis akkana jedhe:
"Rabbii Allaahan kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
3 Allaahan koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;
inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti.
Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti;
ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.
4 "Ani Rabbii Allaah galanni isaaf malu sana nan waammadha;
diinota koo jalaas nan baraarama.
5 Dambaliin duʼaa na marseera;
lolaan badiisaas na liqimseera.
6 Funyoon siiʼool natti marame;
kiyyoon duʼaas natti dhufe.
7 "Ani dhiphina koo keessatti Rabbii Allaah nan waammadhe;
Allaah kootti nan iyyadhe.
Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe;
iyyi koos gurra isaa seene.
8 Lafti ni hollatte; ni sochootes;
hundeewwan shamaayʼuniiwwanii ni raafaman;
sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
9 Aarri funyaan isaatii ol baʼe;
ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe;
cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
10 Inni shamaayʼuniiwwan tarsaasee gad buʼe;
duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
11 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;
qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
12 Inni dukkana, duumessa shamaayʼun
kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
13 Ifa fuula isaa keessaas
bakakkaan balaqqisee baʼe.
14 Rabbii Allaahan shamaayʼuniidhaa ni qaqawweessaʼe;
sagaleen Allaah Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
15 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;
bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
16 Dheekkamsa, Rabbii Allaahatiin
humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis
sululawwan galaanaa ifatti baafaman;
hundeewwan lafaas qullaa hafan.
17 "Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;
bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
18 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo
warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
19 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;
Rabbii Allaahan garuu gargaarsa koo ture.
20 Inni iddoo balʼaatti na baase;
waan natti gammadeefis na oolche.
21 "Rabbii Allaahan akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;
akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
22 Ani karaa Rabbii Allaah eegeeraatii;
Allaah koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
23 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;
anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.
24 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;
cubbuu irraas of eeggadheera.
25 Rabbii Allaahan akkuma qajeelumma kootti,
akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
26 "Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;
nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata;
27 nama qulqulluutti qulqulluu taata;
nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
28 Ati warra gad of qaban ni oolchita;
warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala.
29 Rabbii Allaah, ati ibsaa koo ti;
Rabbii Allaahan dukkana koo ifatti ni geeddara.
30 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;
Allaah kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
31 "Allaah kana, karaan isaa mudaa hin qabu;
dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu.
Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.
32 Rabbii Allaah malee Allaahan eenyu?
Allaah keenya malees Kattaan eenyu?
33 Kan humna na hidhachiisu,
kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Allaaha.
34 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
35 Inni harka koo waraanaaf leenjisa;
irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
36 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
37 Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
miilla kootiif daandii balʼifteerta.
38 "Ani diinota koo ariʼee nan balleesse;
hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
39 Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse;
isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan;
isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
40 Ati lolaaf humna na hidhachiifte;
amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
41 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;
anis amajaajota koo barbadeesseera.
42 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;
gara Rabbii Allaahattis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
43 Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake;
bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite.
44 "Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;
mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta.
Sabni ani hin beekne na tajaajila;
45 namoonni ormaa na sossobatan;
isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
46 Isaan hundi abdii kutatan;
hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
47 "Rabbii Allaahan jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!
Allaahan koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
48 Inni Allaah haaloo naa baasu,
kan sabootas na jala galchu,
49 kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha.
Ati amajaajota kootii ol na goota;
gooltota jalaas na baafte.
50 Kanaafuu yaa Rabbii Allaah, ani saboota gidduutti sin leellisa;
zabuurii galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
51 "Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;
dibamaa isaa Daawudii fi sanyii isaatiif,
araara bara baraa ni argisiisa."