Publicidade

2 Samuel 6

Taabonni Gara Yerusaalemitti Fidamuu Isaa

1 Daawud ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate. 2 Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Allaaha kan Maqaa, maqaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan. 3 Isaanis taabota Allaaha gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan; 4 taabonni Allaahas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture. 5 Daawudii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula Rabbii Allaah duratti gammadanii shuubbisaa turan.

6 Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Allaaha qabe. 7 Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi Rabbii Allaah Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Allaahan isa rukute; innis achumatti taabota Allaaha biratti duʼe.

8 Daawudis sababii Rabbii Allaahan akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.

9 Daawudis gaafa sana Rabbii Allaah sodaatee, "Taabonni Rabbii Allaah akkamitti gara koo dhufa?" jedhe. 10 Innis akka taabonni Rabbii Allaah isa wajjin Magaalaa Daawud keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. 11 Taabonni Rabbii Allaahas jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Rabbii Allaahanis isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.

12 Yeroo kanatti, "Rabbii Allaahan sababii taabota Allaahatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise" jedhanii Daawud Mootichatti himan. Kanaafuu Daawud gad buʼee taabota Allaaha sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawuditti fide. 13 Innis akkuma namoonni taabota Rabbii Allaah baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse. 14 Daawudis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Rabbii Allaah duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture; 15 innii fi Israaʼel hundi "hoo" jechaa sagalee malakataatiin taabota Rabbii Allaah fidan.

16 Yeroo taabonni Rabbii Allaah Magaalaa Daawud seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawud Mootichi fuula Rabbii Allaah duratti utaalee shuubbisu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.

17 Isaanis taabota Rabbii Allaah fidanii dunkaana Daawud dhaabeef keessa ni kaaʼan; Daawudis aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeesse. 18 Innis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuutiin namoota ni eebbise. 19 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama tuuta Israaʼelootaa guutuu keessa jiruutiif jechuunis dhiirotaafis dubartootaafis buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. Namoonni hundinuus gara mana mana isaanii deeman.

20 Yommuu Daawud maatii ofii isaa eebbisuuf deebiʼettis Miikaal intalli Saaʼol isa simachuuf baatee, "Harʼa mootiin Israaʼel akka nama gatii hin qabne tokkootti fuula xomboreewwan hojjettoota isaa duratti qullaa argamuun isaa ulfina taʼeeti moo!" jette.

21 Daawud immoo Miikaaliin akkana jedhe; "Ani fuula Rabbii Allaah isa abbaa keetii fi warra mana isaa jiran caalchisee na filatee saba Rabbii Allaaha, Israaʼel irratti na muude sanaaf fuula Rabbii Allaah duratti nan shuubbisa. 22 Ani kana caalaa iyyuu ofin xinneessa; ija kee durattis of nan salphisa. Xomboreewwan ati jette kanneeniin garuu nan kabajama."

23 Miikaal intalli Saaʼol utuu ijoollee hin argatin duute.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-